Mino Risaj
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mino Risaj, Video Creator, Calgary, Calgary, AB.
05/21/2020
[Ramadaan : 26]
Hadiisa Abaa Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ "tokkoon keessan hoggaa Soommane guyyaa san waan fokkottuu hin dubbatin, (waan bu'aa hin qabne irrattiis)hin lallabin. Yoo namni wahii isa arrabse ykn loleen, 'an nama Soommana qabu' haa ja'uun. Isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtutti kakadhee, shurufkaa afaan nama Soommaneetu Rabbi biratti urgaa Miskii caala. Nama Soommaneef gammachuu addaa lamaatu jira: hoggaa fure furaa isaatti gammada. Akkasuma hoggaa Rabbii isaa qunnamees Soommanuu isaatti gammada" ja'e. [Bukhaarii fi Muslimtu gabaase]
- Soommanaa, waan fokkottuu dubbachuufi hojjechuunis hin tahu. Jarjaraa namaatin yoo wal afaan dhufne "an Soommanaan qaba" jannee bira haa dabarru. Abaarsaafi arrabsoo inni itti nu afeeru san seenuu hin qabnu. Namni Soommana isaa haala kanaan bareeche, boru badhaasa Rabbiin isaaf qopheesetti gammaduuf jiraata.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Calgary, AB
V5K