YoursTech Academy LLC

YoursTech Academy LLC

Share

Galmi keenya ogummaa teeknooloojii qabatamaa, qulqullina ol’aanaa qabu afaan keenyaan barsiisuun hawaasa dijitaalaa of danda’e uumuudha!

16/07/2026

umurii dargaggummaa kana maalitti dabarsaa jirra? eessa jirra? garam deemaa jirra?

haalli keessa jiru naaf ta'ee jiraa? maal jijjiiruun qaba? jettanii of gaafachaa jirtuu?

deebiin isaa salphaadha, osoo yeroon nama irraa hin dabarre hojjatanii of jijjiiruudha, hojjachuuf ammoo beekumsaa fi ogummaa barbaachisa.

beekumsaa fi ogummaa baratanii itti horatu, qaamni furmaataa YoursTech Academy'n ogummaawwan teeknolojii addunyaan yeroo ammaa barbaaddu afaan oromootiin namoota kumaatamaan laaka'aman barsiisaa jira waan ta'eef isin addunyaa faana tarkaanfattanii of jijjiiruu feetuu? akkas taanaan barnoota jedhaa comment irratti nuuf barreessaa, isin qunnamnee ogummaa filannoo keessaniin isin barsiifna!

15/07/2026

wantoota bara kana sammuu ilma namaa control godhee jiru keessaa tokko algoorizimiidha.

video kana keessatti algoorizimiin social media, e-commerce fi banking system keessatti gaheen isaanii maali kan jedhu ilaallee turre.

keessattuu algorizimiin miidiyaa hawaasaa akkamiin dhiibbaa guddaa nurratti uumuu danda'a kan jedhu video irra ilaaluun hubannoo kana waliifis qoodaa!

14/07/2026

AI akkamitti uumuun danda'ama?

namni keenya Ai developer ta'uu ni danda'aa? AI developer ta'uudhaaf maaltu barbaachisa?

video kana hamma dhumaattii dhageeffachuun namoota fedhii qabaniif qoodaa!

13/07/2026

Ai fayyadamuu qofa osoo hin taane Ai mataa isaa akka hojjachuu dandeessan beektuu?

akkamiti? kan jedhuuf sabboontuu Ai irraa guutuu dhageeffadha!

barnoota AI Fundamental With Python bu'uura milkaa'ina addunyaa AI kan ta'e koorsii Afaan oromoon YoursTech Academy irratti barsiifamu kana barachuu barbaannaan AI jedhaa comment irratti nuuf barreessaa! isin galmeessina!

13/07/2026

Gaaffii guyyaa dheengaddaa gaafanne irratti hedduun keessan hirmaattanii turtan. Hundi keessanuu hirmaannaa keessaniif galatoomaa.

Namoota hirmaatanii turan keessaa gaaffilee lamaanuu deebii sirrii deebisuudhaan akkasuma comment 'n isaa like hedduu kan argate Obboleessa keenya Mursal Jamaal dha.

Hubachiisa: namni tokko injifachuudhaaf jalqaba deebii sirrii deebisuu qaba. Sana booda like hedduu argachuu qaba.

Mursal Jamaal karaa keessaatiin nu dubbisuun Email kee nuuf ergi.

YoursTech Academy LLC ~ Mana Barumsa Ogummaawwan Dijitaalaa!!

12/07/2026

University Dillaatti Lecturer fi Researcher damee Computer Science kan taate kabajamtuu aadde Fetiya Furi, hawaasa kiyya beekumsaa fi ogummaa teeknolojii hidhachiisuu qaba jechuun YoursTech Academy irratti barnoota damee artificial intelligence kan ta'e "Machine Learning with Python" isiniif qabattee dhufaa jirti!

barnoonni Machine Learning kuni maali? kan jedhuuf video ilaaluun kallattimaan ishee irraa baraa.

maatiiwwan keenya YoursTech Academy, Adde fetiya welcome jechuun nuuf simadhaa jechaa, ogummaa teeknolojii artificial intelligence ofii keessanii itti kalaquu dandeessanii fi ogummaa yeroo ammaatti baay'ee barbaachisaa ta'e kana irraa barachuufis gamanumaan qophaa'aa isiniin jenna!

YoursTech Academy LLC - giddu gala ogummaawwan diijitaalaa!

11/07/2026

Gaaffii badhaasa addaa qabu:

irratti hirmaachuun badhaasicha injifadhaa.

odeeffannoo dabalataa comment keessa ilaalaa!

10/07/2026

dhimma "sponsor program" koorsiidhan teeknolojii afaan oromoon barsiifnuun wal qabatee carraa barattoota 60f free course kennine ilaalchisee update jiru video irra dhageeffadhaa!
akkasuma gaaffii yoo qabaattan comment keessatti gaafachuu dandeessu.

share gochuun barattoota apply godhan biraanis gahaa!

09/07/2026

Social Media irratti osoo fuula keessan hin garsiisin(faceless video) content hojjattanii galii argachuu barbaadduu? deebiin keessan eeyyee dha taanaan comment keessatti "Content Creation" jedhaa nuuf barreessaa!

barnoota waa'ee qabiyyee social media isin barsiisu, strategy follower itti guddifattan, social media keessan monetize itti godhattani fi video lee Ai akka Sabboontuu Ai kana itti hojjattanii galii irraa argattan isin barsiifna!

biyyoota guddatan keessatti hojii idilee cinaatti kan namoonni itti diinagdeedhaan of cimsaa jiran keessaa hojiin kuni baay'ee beekamaadha. kanaafuu content creation baradhaa itti fayyadamaa jechuun waamicha keenya!

akkasuma namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif share gochuu hin dagatinaa!

Galatoomaa!

08/07/2026

eessumayyuu jiraattanii bilbilli keessan akkamitti iddoo/Location isin jirtan beekuu danda'a?

Teeknolojii GPS fi akkaataa inni itti hojjatu! video guutuu erga ilaaltan booda waliif qoodaa!

Want your school to be the top-listed School/college in Cairo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

2209 Trickling Creek Drive
Cairo
75041