Iliyas Isake
It's Offical My Page
16/04/2026
Waamicha hatattamaa kabaja lammiile ittiin eeynu!
Callisuu hin dandeenyu.
Interview’n ga*zexeessituun fi hundeessituun miidiyaa Meseret Daba Piresid**ntii n*annoo S*maalee duraanii ummata keenya kum**tamaan ajj**see Torture godhee,miliyoonotaan qe’ee qabeenya isaanirraa buqqaasee,ashaaraa hammeenyaa du’a jumlaa fi buqqaatii hamaa ummata keenya gaggeesseen asxaa hin dagatamne nu keessatti dhiisee deeme erga inni waggaa 6 hidhamee baheen ergasii maqaa isaa san deebisuuf jacha yeroo jalqabaaf miidiyaan maqaa Oromoo himatu keessattuu holqa sadarkaa addunyatti beekkamaa Oromoon ittiin boontu *fumar moggaafate dhiheeysee af-Gaaffii waliin godhe. sanarra dhaabbatamee kaleessaa jalqabee hawaasa bal’aa jiddutti dheekkamsa fi mormii cimaa kaasee tokkummaan dura dhaabbatame tahuun ni beekkama. Isheenis akkuma jatteen miira tuffii fi oftuulummaan “maal na godhanii, maal fidu” jachuun akkuma jatteen maxxansitee jirti. Kanaanis dogongora seenaa hojjattee jirti.
Well! Eega akkas tahe nus deebii mataa keenyaa qabnaaf:Kuni interview tokko qofa miti.
Kun dhimma kabajaa, itti gaafatamummaa fi dhukkuba uummanni keenya keessa darbe ilaaluu dhabuudha .
Nama ummata keenya dararee, hidhee, buqqaase akkasii yeroo madaan keenya hin qoorretti gara miidiyaatti fiduun kee tuffii ummata kanaaf qabdu ifaan agarsiiftee jirta.
Miidiyaan sagalee uummataa tuffatee fi madoo keenya nurratti tuttuqu deeggaramuu hin qabu.
Kanaaf, waamicha keenya:
• *fumer_media irraa *bscribe fi *rt haa goonu! godhaa
Description 🔗 Commentii jalaa argattu!
Ummata keenyaaf dhaabbanna. Haqaaf dhaabbanna. Galatoma🙏🏿
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Harar