Derartu Negash
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Derartu Negash, Musician/Band, Addis Ababa.
17/09/2025
Shamarri tokko bareedduu dha. Kan jennuu yoo maal qabaatte dhaa
23/08/2025
Mootummaan naannoo Somaalee Mi'eessoo hanga Moyaalee waggootaaf daangaa Oromiyaa dhiibee lafa godina ta'uu danda'u fudhate jedhan jiraattonni.
Jiraattonni naannawaa daangaa jiran OMN dubbise, dhimmi daangaa dhiibuu naannoo Somaalee furmaata waaraa barbaada jedhan.
Lafoota naannoo Oromiyaa kan ta'an irratti mootummaan naannoo Somaalee bifa babal'ifannaa lafaatiin qubsuma tolfataa turuu kan eeran jiraattonni, qe'eedhuma keenya dhufanii keenya jedhanii gaaffii kaasuu jalqabanii jechuun himatu.
Sanas ta'ee bara 2004 reefireendamii lafuma Oromoo kan mootummaan naannoo Somaalee daangaa darbee dhufee uummata irra qubsiise irratti taasifameen dhibbeentaa 80 caalaan Oromiyaq filachuu yaadachiisan.
Refireendamichaan harka caalaan Oromiyaa filannaan sababoota garaagaraan refireendamichi akka hojii irra hin oolle taasifamuu himaniiru.
Ergasii mootummaan naannoo Somaalee lafoota refireendamiidhaan dhabe humnaan qabatee uummata irra qubsiisuu itti fufe jedhu jiraattonni.
Sana bira darbees lafoota biroo daangaa naannoo Somaalee irraa fagoo ta'anillee qabachuu himan.
Jiraattonni godina Harargee Bahaa aanaa Baabbillee OMN dubbise mootummaan naannoo Somaalee dur bakka Kaarraa Maarraa jedhamutti keellaa dhaabbatee qaraxa mootummaa sassaaba ture jedhan.
Booda Oromiyaa seenee bakka Daakataa jedhamutti keellaa dhaabbate jechuun komatu.
Jiraattonni godina Baale aanaa Gurra Dhaamolee immoo yaada kennaniin magaalaan Haroo Dibbee jedhamtu inuma daangaa naannoo Somaalee waliinuu wal hin qabattuu jedhan.
Mootummaan naannoo Somaalee fageenya dheeraa qaxxaamuree dhufee magaalaa kana dhuunfachuu himan.
Amma magaalaa kana teessoo godina haaraa naannoon Somaalee Gurra Dhaamolee jedhee seeraan ala hundeeffatee taasifachuuf akka jiru dhageenye jedhu.
Maanguddoonni godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaqsan immoo yaada kennaniin dur lafti Oromoo hanga Jijjigaa fulla'a ture jechuun yaadachiisu.
Bara Wayyaanee Jijjigaa muranii Somaaleef kennan kan jedhan maanguddoonni ergasii as mootummaan naannoo Somaalee dhiibee dhiibee gartokkee aanaa Cinaaqsan qabate jedhu.
Oromiyaan mootummaa dhimmamuuf dhabuun lafti Oromoo ciramee fudhatamaa Oromiyaan dhiphataa jirti jechuun dubbatan.
22/08/2025
The Strong And Heroic Girl Sabontu Ahmed.
Click here to claim your Sponsored Listing.