Caffee Tumaa
Marsariitii Odeeffannoo Waktaawa, Amanamaafi Madaalawaa Tahaan Argachuuf #CaffeeTumaa #follow godhaa Oromoodha ani nama,
Eenyummaa hin qabu lama..
04/05/2026
BRAEKING;-Waraani Eegale
Iraan Doonii Waraanaa Ameerikaa kan Ulaa Hormuuz darbuuf yaale irratti Misaa'ila dhukaasuun gabaafame
Rooyitarsii gabaasa miidiyaalee Iraan wabeeffachuuni akka gabaasetti, Iraan Doonii waraana Ameerikaa kan Galoo Galaana Hormuuz qaxxaamuruufi yaalan irratti misaa'iloota lama dhukkaasterti.
Dhaabbanni oduu Faars, kan dhaabbata oduu mootummaa waliin hidhata qabu, akka gabaasetti, Doonichi "akeekkachiisa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan irraa kennamee ture erga tuffateen booda haleellaa misaa'ilaatiin irratti rukutameera jedha.
Maddeen naannoo sanaa wabeeffachuun, miidiyaan kun akka jedhutti Doonichi rukutame kuni "daandii isaa itti fufuu hin dandeenye akkasumas naannicha gadi lakkisee baqachuuf dirqameera." jechuuni ibsa.
Haleellaa misaa'ilaa har'a raawwatame jedhame kana ilaalchisee gama Yunaayitid Isteetis Ameerikaa irraa hanga ammaatti yaadni kenname hin jiru.
Kanaan dura, Pireezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp akka jedhanitti, waraanni Amerikaa Dooniiwwan Galaanicha qaxxaamuraniif eegumsa ni taasifna jechuun ni yaadatama. akkasumas giddu-seentummaa kamiyyuu irratti "humnaan" deebii ni kenna jedhaniru dabalanis, Ameerikaan dooniiwwan sarara Hormuuz keessatti dhabatanii hafan naannicha keessaa "baasuuf" Wiixata Ebila 26, 2018 A.L.I Pirojeektii Bilisummaa (Freedom Project ) ni eegalti jedhaniiru.
16/04/2026
Chaayinaan abbaa biyyummaa fi nageenyi Iraan ulaa kana keessatti qabdu kabajamuu fi eegamuu qaba jete!
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi waliin haasa’uun tarkaanfiiwwan geejjibaa idilee turetti deebisuuf akka fudhataman gaafataniiru.
Wang akka jedhanitti, abbaa biyyummaa fi nageenyi Iraan ulaa kana keessatti qabdu kabajamuu fi eegamuu qaba. Bilisummaa fi nageenyi doonii mirkanaa’uu akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Daandii bishaanii kana deebisanii banuuf fedhiin idil addunyaa guddaan akka jirus eeran.
Chaayinaanis dhukaasa dhaabuun akka itti fufu fi marii deebi’ee jalqabuu ni deeggarti jedhan.
Chaayinaan maamila boba’aa Iraan ishee guddaa waan taateef, Ameerikaan buufata doonii Iraan ugguramuus ta'e ulaan Hormuuz cufamuun dinagdee ishee irratti balaa qaba.Kanaaf yoo danda'me gama Iraanis ta'e Ameerikaan dhiibbaa uumuu barbaaddi.
Tiraamp kaleessa Chaayinaa waliin dubbachuu fi wal tumsuuf walii galuu isaanii dubbachuun ulaan Hormuuz banamuun Chaayinaa kan gamaachiisu ta'uu himan
Ameerikaa fi Iraan giddutti waligalteen dhukaasaa dhaabuu taasifamus muddamni naannawa ulaa Hormuuzin wal qabatu ammallee furmaata hin argatin jira.
gochaa nu hordofaa
Click here to claim your Sponsored Listing.