Omo electronics

Omo electronics

Share

Waliin hojjannee,waliin guddanna!

13/06/2025

Wow qaxalee koo!

Dhandhama jireenyaa summiirra hadhaa'u;ba'aa isaa dhagaarra ulfaatu...!

Yaa raajii biyya lafaa,
Waa'eenkee kamtu ka'ee,
Isa Kamtummoo hafa,
Kamtu quxisuudha,
Kamtummoo hangafa!;

Anoo danda'een dubbadhu,
Raajii siin galmaa'e,
Na harkaa danate immoo,
Hin fixu lakkaa'ee,

Yaa laalaa jireenyaa,
Isa gubaa hammaatu,
Yaa yandoo kankee,
Bokkaa lolaa heddummaatu,
Yaa icciiti si keessa jiru,
Ba'aa siin baatamu,
Yaa raajii kankee,
Dhangaa siin nyaatamu;

Yaa bofa namuu iddite,
Haadha summii dachaa,
Akka keef miti jirra,
Hunda baachaa,
Dhugaa akka keef miti,
Oliif gadi kaachaa,
Guddachaa xiqqaachaa,
Charraaqachaa nyaachaa;

Atoo baayyee ulfaatta,
Dhagaalleen hamma keen ga'u,
Baayyema garaa jabaatta,
Diinnis akka keen ta'u;

Yaa galaana namuu daaku,
Isa fiixeen-qabne,
Obonboleettii hunda haatu,
Siin tasgabbii dhabne;

Dukkana ifni baqate,
Yaa agartuun agarre,
Ganna bokka waakkate,
Biqila lateen-daraarre;

Meeqa namaa gadi goote,
Meeqaammoo ol kaafte,
Dhala namaa sadarkaan,
Qooddee gargar baastee,
Inni tokko yeroo kolfaa deemu,
Kanneen hafe siin gadda,
Kaan dhabee yoo soomu,
Isa kaaniif addaa,
Hayi icciitii kee moo!
Bifa meeqa qabda?!

Waa'ee kee hin fixu,
Tarreessee gabaasee,
Raajii keettu dheeraadha
Anoo nan gabaabse....!

05/02/2021

Eegalee jiraπŸ†πŸ†πŸ†
TILMAAMAA BADHAAFAMAA 🀩🀩πŸ₯³πŸ₯³πŸ₯³πŸ₯³
Tapha premier league ingilz torbee 22 ffaan
Tottenham vs Chelsea har'a galgala sa'aatii 5:00 irratti ni eegala eentu hinjifata laata tilmaamaa Badhaafamaa
Ammarraa eegalun hanga taphni eegalutti tilmaamun Badhaafamuu dandeessu
Ulaagaan
1- Page Daily post like gochuu
2- tilmaamni keessan sirrii ta'uu
Namoonni 1 hanga 3 jiran ni Badhaafamu

Carraa gaarii
Daily post

Want your business to be the top-listed Business in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Shashamanne
Addis Ababa