Ephratah Ministry
As long as I am on earth, I testify that Jesus Christ is the Savior of the world. The sun is setting, and it is nearly the end of time.
!
Guyyaa tokko Albert Einstein tu barsiisuuf daree barnootaa akkuma seeneen sarara tokko gabatee gurraacha irratti dalga sarare. Isa booda gara barattoota isaatti galagalee "Sarara kana osoo hin tuqiin yookaan osoo hin balleessiin barataan naaf gabaabsuu dandahu jira? Yoo jiraate as bahee naaf haa gabaabsu" jedhe. Isa booda barattoonni kuni "Maali hardha Einstein maal tahe? In maraateeyi?" jedhanii itti kolfan. Isa booda barataan sarara sana gabaabsu akkuma dhibeen ammas Albert Einstein deebisee sarara dalgee dheeraa tokko kan isa duraa caalu tokko in sarare.
Yeroo kanatti osoo itti hin bu'amiin sararri inni duraa sarara isa lammaffaa biratti gabaabaa tahee argame. Inni barattoota isaa fakkeenya kana irraa waan tokko isaan barsiise. Namoonni tokko tokko amma nama xiqqeessanitti, amma cilaattii namatti dibanitti waan guddatan isaanitti hin fakkaatu. Namoonni hedduun guddinni isaanii obboleessa isaanii xiqqeessuufi balleessuu irra waan jiru isaanitti fakkaata. Haa tahu malee namatti osoo hin bu'iin yeroo ofiikee ofirratti hojjechaa deemtu guddaa taatee of agarta.
Bara kana namni kan inni dorgomu jireenya isaa osoo hin taane, jireenya nama biraati. Ofiisaa of guddisuuf dhama'aa nama oolu hedduu hin argitu; haa tahu malee obboleessa isaa gabaabsuuf garuu nama hirriba dhabu meeqa agarta. Miidiyaa hawaasaa kana yoo seente obbolaa wal hadheessan, wal quucarsuuf dhama'an malee kan ofii isaanii Ijaaraa oolan hin agartan. Callisii ofirratti hojjedhu malee guddina kee xiqqaachuu nama biraatiin hin safaratiin! Namoonni hedduun dark psychology akkasiitiin of sossobaa jiraatu. Dhiirri bara kanaa intala simbirroo tokko yoo jaalate illee dhiira warra kaanitti cilee dibee, afaan isaan qamisiis itti hin uffisu taanaan waan isheen isa jaalattu isatti hin fakkaatu!
Kiristiyaana yoo taate callisii gaarummaa Waaqayyoo dubbadhu, yoo siif ife immoo sagalee Waaqayyoo barsiisi! Akkas gochuu keetiin dhiibbaa guddaa uumuu dandeessa. Namoonni callisanii qulqulloota hadheessan, kan hafuura komiin machaahan dhiibbaa fiduu hin dandahani, fagoos hin deemani! Kanaafuu Gooftaa keessatti ofiikee guddachuu akka qabdutti ofirratti hojjedhu! Tasumaa guddinni kee xiqqaachuu obboleessa kee irraa hin argamu!
22/04/2026
Ajaa'iba!‼️
Gurbaa kana namni hin beekne jira natti hin fakkaatu. jedhama. Haatisaa akkas jechuun dubbatti:🫰
"Ilmi koo osoo akka ammaa beekamaa hin ta'iin dura mana dulloomaa ta'e keessa bulla turre. Nyaata nyaannus ykn kiraa manaas kaffaluun nutti ulfaata ture.
Guyyoota baay'ee ilmi koo kun yeroo hiriyoonnisaa mana barumsaa deeman inni hin deemu, sababni isaas kaffaltiin mana barumsaa nurra waan jiruuf. Duraan wantootni baay'een nutti ulfaata ture, har'a garuu viidiyoon kolfaa 1 qofti jireenya keenya jijjiire.
Mana dulloomaa keessa turuu irraa kaasnee amma abbaa gamoo ta'uutti geenye. Kun hundinuu Oolmaa Waaqayyoo fi Waaqayyoo gadittimmoo galata ilmakoo ta'uu isaati." jechuun miidiyaaleef ibsa gahaa kenniti🤝
Rabbi jireenya kee gaafa jijjiiruu barbaadu maayikiroo sekendii itti hin fudhatu.
waan gabaa hin qabnetti gabaa sii godhee addunyaayyuu si raajeffachiisa.
Amazing Comedy!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
JESUS