Geda News Service

Geda News Service

Share

Gara GNS Baga Nagaan Dhuftan! Galatoomaa!

Photos from Geda News Service's post 01/03/2026

Waraana Ameerikaa fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti bananiin hoogganaan olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata kaleessaa Gurraandhala 28/2026 waajjira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaaleen Iraan mirkaneessani jiru.

Iraan hogganaa ishee waggoota 37f ishee bulche kanaaf gaddaa guyyoota 40 yoo labsitu, haleellaa haaloo bahiinsaa Israa'eli fi buufaatalee waraana Ameerikaa biyyoota baha giddugaleessaa keessa jiran irratti kan fudhattu ta'u ibsitee jirti.

Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa Iraan tarkaanfii haaloo bahuu "akkaan hamaa ta'e" buufata US fi Israa'el irratti akka fudhatu dhaadatee jira.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hoogganaan waliigalaa Iraan, Ayaatolaa Alii Kameenii, haleellaa US fi Israa’el Teehiraan irratti gaggeessaniin ajjeefamuu beeksisuun
"Seenaa keessatti namoota hunda caalaa hamoo ta'an keessaa tokko kan ta'e, Alii Kameenii, du'eera. Tooftaa hordoffii keenyaa baay'ee cimaa ta'eefi intelejensii keenyaa jalaa ba'uu hin dandeenye," jedhe.

Akka heera mootummaa Iraanitti Ayatolaa Alii Kameenii kan bakka bu'u qaamni filatu the Assembly of Leadership Experts jedhama.

Gidduutti ammoo pirezidantiin biyyattii, dursaan qaama seera baastuufi miseensi tajaajila amantaa Mana-maree Eegdotaa waliin ta'uun itti gaafatamummaa inni qabu fudhatu.

Ajjeefamuun Gaggeessaa Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Iraanitti yeroo akkaan murteessaadha jedhamaa jira.

Iraan guutummaa Baha Gidugaleessaa keessatti, biyyoota michuu US ta'aniifi buufataaleen waraanaa US kanneen Dubaay, Dohaa, Baahireen fi Kuweet jiranirratti haleellaa raawwattee jirti.

Humni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa halo bahiinsaa ni raawwadha jedhee dhaadachuu hordofee, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "Iraan haleellaa raawwannaan humna kanaan dura argitee hin beekneen haleellaa" jedhe.

Haleellaa hanga ammaatti Israa'el fi Ameerikaan Iraan keessatti raawwataniin namooni 200 ol ajjeefamuu gabaafamee jira.

Ayaatolaa Alii Kameenii alatti ajajaa Humna Waraanaa Walii Galaa Iraan Meejar Jeneraal Abdulraahiim Musaawii akkasumas Ajajaa Eegdota Warraaqsaa Iraan Meejar Jeneraaal Mohaammed Paakpu, Barreessaa Mana Maree Waraana Iraan Alii Shaamkaaniifi Birgaader Janaraal Aziiz Naasirzaadeehi ajjeefamuu isaanii gabaafamee jira.

27/10/2025

Shira mootummaa PP dhaggeeffadhaa akkaataa isaan ummata Noonnoo itti ficci*siisan!
Viidiyoo kana hanga dhumaatti dhaggeeffadhu!
si ajjees.anii si gowwoomsanii of jala si hiriirsuf diraamaa sirratti dalagu dammaqii ilmaan kee jala hiriirii guyyaa roorroo of irraa gabaabsi. Callistee teessa taanan kan kana caalutu dhufaa jira dammaqi! Tola du' uun ni gaha....!

Photos from Geda News Service's post 25/02/2025

Walgahiiwwan hawaasaa jechuun walgahiin tibbana biltsiginnaan taa'amaa jiru naannoo Oromiyaatti afaan marii Afaan Amaaraa ta'uu maddeen himan.

Maddeen waltajjicha irratti hirmaatan dur yoo xiqqaate Afaan keenyaan mariyanna turre, amma sunuu hafee hirmaattonni Afaan Amaaraa akka fayyadaman dirqisiifaman jedhan.

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta'a jedhamee eeggamaa ture hafee qe'ee keenyattuu dubbachuun hafe jedhan.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Hachalu Street
Addis Ababa