Humna waaqayyo

Humna waaqayyo

Share

Humni waaqayyo jabaadha

11/07/2022

1. Humnaa fi Jaalala
Waaqayyoo
Waaqni Keenya Jabaadha!
Macaafa faarfannaa 33.6-11 dubbifadhaa .
Waaqayyo samii fi lafa akkasumas wanta
isaan keessa jiru kamiyyuu uumee jira.
Saayintistoonni kan dubbatan hawaan nuti
beeknu waggaa ifaa biilliyoona baay’eedhaan
lakkaa’amu akka fagaatudha. Waggaan ifaa
waggaa tokko keessatti ifti fageenya
hammamii akka adeemuu kan mul’isuudha.
Kunis saffisa ifaa yoo xiinxaltan baay’ee
fagoodha; sakandii tokko keessatti
300,000km jechuudha. Hawaan gaalaaksota
biilliyoonan lakkaa’aman yoo qabaatu
gaalaaksonnis immoo urjiiwwan biilliyoonan
lakkaa’aman qabu. Macaafa Seera
uumamaa boqonnaa tokko irratti Waaqayyo
afaan isaatii jecha isaa qofa akka dubbatee
fi hawaan guddaan kun akka uumame ni
dubbata.
Waaqayyo jabadha. Inni wantoota nuti
arginuu fi kan nuti hin argine ni too’ata. Inni
humnoota, mootummoota, pirezidaantota,
bulchinsotaa fi gaggeessitoota addunyaa ni
too’ata. Humni isaa baay’ee guddaadha.
Gooftaa Yesusis du’aa kaasee jira.

10/07/2022

Humna waaqayyo jala eenyu yyuu jala dhaabbachuu hin danda'u √

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa