Gane Oromia
ኦሮሚያ Tiyya Biyya Hayyuuf Qaroo
09/06/2025
Cubbuu! — Atleet Galatee Burqaa Guyyaa Adiin Biyya Seerri Jirutti Saamamte.
Daa’imummaa isiitti abbaan du’aan irraa boqate. Haadhatu guddise. Haati qaama miidhamtuudha. Itti rakkattee—kuftee kaatee— Galatee guddiste. Carraaqqiin, cichoominnii fi jabatanii hojjachuun Galatee itti dabalamee, sadarkaa addunyaan amma isii beektu irra geette.
Miila duwwaan shaakaltee, itti beeloftee, dhiiga itti tuftee, qaamni irraa dhumee bubbeen fudhatee, bu’aa bayiii ulfaataa heddu booda, xaarii cimtuu woggootaa booda, Atleetii jabduu taatee milkoofte.
Badhaasa argattuu fi moyattuun qabeenya horatte. Mana 11 magaalota adda addatti qabaachuu dandeette. Konkolaataa shanis horatte. Nama taaksiin isii deddeebisaa ture, kan booda irra gaa’ela woliin ijaarataniin saamamte. Mana 10 irraa fudhatee, maqaa namoota biratti (firoottan isaatti) bifa gurgurtaatiin jijjiirate. Konkolaataa shan isiin qabdu keessaa afur ni gurgurate. Mana takkattii fi konkolataa xiqqoo isiif hafte san ammoo adda hirachuuf mana murtiitti—murteeffachiifatee jira.
Akka baatee hin hojjanneef ni dorsisa. Akka dhimmicha gara miidiyaa hin fidneef lubbuu kee balleessa jedhee itti dhaadata. Sodaa irraa woggaa tokkoof shaakala dhiistee otoo manaa hin bahin taa’aa jirti. Amma mana takkatti hafteef sanuu irraa gurguratee, daandii irratti kuffisuuf jira. Nama biyyaaf galata oole, alaabaa biyyaa olqabeef, silaa kun hin malu. Kabaajaa fi ulfinnatu malaafi. Ammas eeggumsi gahaan godhamuufi qaba. Haqnii fi qabeenyi isii deebi’uufi qaba. Wanti isii irratti ta’e cubbuu hamtuudha!
12/05/2024
Click here to claim your Sponsored Listing.