Justice Post
Struggle to bring and sustain justice and truth is an endless journey. For this reason, our journey is unstoppable until we are alive.
05/04/2025
Hedduu nu argisiifte
Yaa bu'aa ba'ii jireenyaa,
Waan hedduu qabda ati
Gaarummaa fi hammeenya,
Gaaf tokko dubbanna malee
Kan fagoo fi dhiyeenyaa,
Amma deemsarra jirra
Sichi boqonnee teenya,
Gaaf sana hunda himna
Har'a obsinee teenya.
Hiriyaan wal jaallannu
Nu baqachuu argine
Namni silaa nu gargaaru
Nu mufachuu mudanne
Haqa deggerree jennaan
Dhiibamnee cunqurfamne
Hin dubbannummoo jennaan
Waa hin beektan jedhamne
Kana hunda himachuuf
Amma yeroo hin ga'u
Kan hafetu heddummaata
Kumaaf kitila ta'u
Amma hin himnu haa taa'u
Guyyaan isaa haa ga'u.
Garuu....
Baga Rabbiin jiraate
Inni hundumaa bulchu
Inni nama miidhame
Rakkina irraa oolchu
Inni nama hundumaaf
Akkaa fi akkaataa tolchu
Inni nu jiraachisee
Guyyaa oolchee nu bulchu.
Haa Galatoomi Rabbi
Inni nuuf ta'e abdii
Silas ilmi namaa
Dandeettii maalii qabdii?
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
05/04/2025