Emam Jalata
Content Writer and business manager
Nothing can stop me from my goal to achieve it
''It does not matter how slowly you go as long as you do not stop''. Confucius
" hundumaaf gaarummaa yaadi,
garuu filadhu."— (Giriikota)
Namoota lamatu jiruu jireenya kee mo'achuuf yeroo tattaaffii ati taasiftu keessatti kan sii mudatu. Isaaniis
1ffaa. Warri ga'umsa ofii isaaniittiyyuu hin amanne "meerre eessa geesseree?" siin jedhu. Iji isaanii mudaa kee malee coba yaada keetii hin argu. Ija ittiin ofii isaanii ilaalaniin si ilaalu. Lafa ofii dhokatan si barbaadus. Isaan jireenyi ilma namaa waanuma halkan tokkotti jijjiiramu se'u. Waan amma jette akka ati amma jiraattee itti agarsiiftu barbaadu
Kun dhibaa'ummaa isaaniirraa madda. Sammuun isaanii 'waa hojjetanii waa argachuu' waan jedhu hin fudhatuuf. Taa'anii quba namatti qabuun garuun kennaa isaaniiti. Isa hin nuffan, hin dadhabanis. Yeroo ati jalqabdu si tuffatu, yeroo ati xumurtu immoo si jibbu
2ffaa. Warri lammaffaa immoo warra guyyaa borii irraa abdii qabaniidha Jijjiiramni cichoominaan hojjechuu, jabaatanii fuulduratti adeemuu fi tattaaffiidhaan waan har'a hojjechuu dandeessu hojjechuu keetiin si madaalu
Humna, ga'umsaafi dandeettii har'a qabduun waan har'a hojjechuu dandeessu yoo hojjette, bor immoo maal hojjechuu akka dandeessu abdii sirraa waan qabaniif jabaadhu siin jedhu Jireenya kee borii yaada keefi tattaaffii kee har'aa keessatti ilaalu Hanqinuma kee wajjin si jaallatu
Yoo dogoggorte si gorsanii sitti dheekkamu malee "hin dandeessu" jedhanii abdii kee si keessatti hin gogsan Egaa, eenyuun akka dhaggeeffattu siifan dhiisa kanaan dubbisee irraa galatoomaa.
02/05/2026
Life is a book
Click here to claim your Sponsored Listing.