HERcare

HERcare

Share

MERAKIA– Maternity Education, Research and Clinical Integration Alliance.

22/01/2026

Akaakuu lafee gudeedduuu (Pelvis bone) kee beekuun barbaachisaa akka ta’e ni beektu?

Pelvis’n tuuta lafeewwan jabaa dha; qaama kee ni deggera, orgaanota barbaachisoo ni eega, akkasumas yeroo dahumsaa daa’imni akka haala salphaan ba’u ni gargaara. Kanaafuu, qaama namaa keessatti bakka guddaa qaba — dubartootaaf ammoo bakka guddaa caalaa qaba.

Wantoonni biroo hundi yoo sirrii ta’an, dubartoonni afur yeroo tokkoon kutaa dahumsaa seenan illee, muuxannoo dahumsaa saani adda addadha.

Sababni isaa akaakuu pelvis isaaniti. Akaakuun pelvis dubartiin qabaattu muuxannoo isheen hojii deessuu keessatti qabaattu irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a.

Akaakuu pelvis ijoo afur jiru:

1. Pelvis Gynaecoid:
Pelvis’n kun boca bal’inaa qabudha. Daa’imni keessa socho’uu fi salphaatti ba’uuf iddoo gahaa qaba. Kun akaakuu baay’inaan argamu fi kan dahumsa karaa uumamaatif (vaginal delivery) caalaatti mijataa dha.

2. Pelvis Android: kan dhiirotaati.
Pelvis’n kun boca onnee fakkaata, akkasumas xiqqoo cufaa dha. Yeroo dhalootaa daa’imni keessa darbuuf rakkisaa ta’uu danda’a, hojii deessisuus yeroo dheeraa fudhachuu ykn rakkisaa ta’uu mala.

3. Pelvis Anthropoid:
Pelvis’n kun fuulduraa gara duubaa dheeraa dha. Daa’imni ba’uu ni danda’a, garuu hojii deesisuu yeroo dheeraa fudhachuu danda’a, akkasumas daa’imni gara duubatti garagalee ba’uu mala.

4. Pelvis Platypelloid:
Pelvis’n kun bal’aa dha, garuu fuulduraa gara duubaa gabaabaa dha. Yeroo dhalootaa daa’imni gara pelvis seenuu bahuuf rakkisaadha.

Namni ofumaan akaakuu pelvis isaa sirriitti adda baasuu hin danda’u. Midwife ykn doktara qofatu qorannoo pelvis gaggeessuun gosa lafee kanaa tilmaama kennuu danda’a— akkasumas sun illee tilmaama qofa dha.

Namoonni akaakuu pelvis gynaecoid irraa adda ta’e qaban yeroon dahumsaa isaani dheeraa ykn rakkisaa ta’uu danda’a.

Akaakuun pelvis qofaan bu’aa dahumsaa murteessu hin danda’u — saffisni hojii deessisuu, guddinni fi bakka daa’imni jiru, humna ciniinsuu (contractions), akkasumas tajaajilli ogeessa gahaan kennamu hundi baay’ee murteessaa dha.

#surgery 02/01/2026

Invisible suturing method.

#surgery

19/12/2025

🎥 Tajaajila Haadholii Kabajaa Qabu (Respectful Maternity Care)

👩🏽‍⚕️🤰
Baga nagaan dhuftan! Har’a waa’ee tajaajila haadholii kabajaa qabu, ykn Respectful Maternity Care haa dubbannu.

👉 Tajaajilli haadholii kabajaa qabu jechuun, haadha ulfaa fi haadha deesse kabajaa, safuu, fi mirga namaa ishee eeguudha.

🌸 Bu’uuraalee ijoo:

1️⃣ Kabajaa fi safuu
Haati kamiyyuu tajaajila fayyaa yeroo hundaa arrabsoo, tuffii, yookaan miidhaa malee argachuu qabdi.

2️⃣ Eeyyama fi odeeffannoo
Haadha duratti wanti hojjatamu hundi ibsamee, eeyyamni ishee erga argamee booda raawwatamuu qaba.

3️⃣ Dhoksa (Confidentiality)
Odeeffannoon haadha ulfaa dhoksaa ta’ee eegamuu qaba.

4️⃣ Filannoo fi deeggarsa
Haati bakka, haala, fi nama ishee deeggaru filachuu ni dandeessi.

5️⃣ Qixxummaa fi tajaajila walqixxaa
Namni kamiyyuu saala, umurii, sanyii, amantii, yookaan sadarkaa dinagdeetiin addaan hin qoodamu.

🌼
Tajaajilli haadholii kabajaa qabu lubbuu haadha fi daa’imaa baraara, amantii tajaajila fayyaa cimsa.

📢
Haadholii keenya haa kabajnu dhaamsaa kooti!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Addis Ababa
1000