Shaafii ebraahim

Shaafii ebraahim

Share

Oromia

15/05/2022

Sagaleetee mi'ooytuu
Dhaggeeffatan toltu
Gurrakoo yoo seentu
Tasa hin quufamtu

Simaleen dhagahuu
Gurri kiyya yoomuu
Fagoos ta'u dhihoo
Yoo namni na yaamuu

Siin maleen agartu
Ijjitoo miidhamtee
Naaduraa naaf taata
Otoo si kaawwattee

Mi'eeysituu jiruutoo
Soora onnee tiyyaa
Si dhabuun dukkuba
Si argachuun fayyaa

Onneentoo si malee
Hulaan hin banamtuu
Akka meeshaa chaaynaa
Furtuu martan nyaattuu

Suman taa'ee eegaa
Furtuu onnee tiyyaa
Onneentoo sirgannaan
Umrii guutuu fayyaa

Miirrikoo siin malee
Beeki hin dammaquu
Hamman si jaaladhu
Dhugarraa hin maquu

Suma qofaat hubataa
Keessoo keessa kootii
Suma qofaat dhunfate
Teessoo onnee kootii

Halaalaa urgooyta
Akka abaaboo birraa
Suufeen si barbaada
Yoo fagaattes narraa

Funyaan koottu arga
Urgaa qaama keetii
Kanumaafan dhufa
Anis gama keetii

Amalaan akka lafaati
Ni dandeeysa hundaa
Anammoo boojitee
Onnee harkaa qabdaa

Bobbaa fi galakoo
Hundasaa too'attee
Akka hin deebineetti
Onneekoo na hattee

Haasaakee mi'aawaa
Gurrattin quufamnee
Gurrikoo dhaga'uuf
Takkumaatun rafnee

Galaana jaalalakeen
Akkan hin miidhamne
Koo keessaa na baasi
Sittin harka kennee

Barreeysaan: Mame Carcar

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Oromia
Addis Ababa
0000