Bole Times
Bole Times is a hub of information, news, ideas and conversations.
15/11/2025
MARBURG VIRUS—
Ittisaa fi Tooftaa Inni Daddarbuun:
**********************************
Dhukkubni vaayirasii kanaan dhufu yoo nama qabe carraan lubbuu namaa galaafachuu isaa ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.
Wanti gaariin dhukkuba kanaa ammoo nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa malee nama mallattoo hin muldhisne irraa namatti hin darbu.
Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii fuduraalee fi abaaboo sorattuudha. Sinbirroon halkanii akkasii sun ammoo holqa keessa jiraatu. Gaafa namni holqa uumamaas ta’ee holqa namtolchee namoonni albuuda fa’a baasuuf qotan seenanii tasa fincaan, bobbaa, ykn hancufa sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaa dhufa.
San booda nama irraa namatti daddarba. Karaan inni daddarbuun illee tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaatiin. Dhiiga, hancufa, fincaan, furrii, imimmaan, dafqa, isparmii, haqqee fi dhangala’oo kan biroo kan qaama dhukkubsataatii bahuuf saaxilamuun daddarba. Uffata walii uffachuun, siree tokko irra ciisuunis ni daddarba. Waldhungachuu fi saalqunnamtiin ni daddarba. Qilleensaan ykn hafuuraan fagoo irraa hin daddarbu. Walitti dhiheenya qaamaa dhihoo irraa yoo dhangala’aan yeroo haxxifatamu biifamuun daddarbuu danda’a.
Karaan inni ijoon biraa ammoo dhaabbilee fayyaa keessatti dhukkubsataa irraa gara ogeessa woldhanutti—ofeeggannoon cimaan yoo hin godhamnee daddarba. Yeroo sirna awwalchaa nama dhukkuba kanaan du’eef godhamu—yoo janaayiza (reeffa) wajji tuttuqii qabaatan—daddarbuu danda’a.
Namoonni dhukkubicha kan daddabarsan yeroo mallattoo muldhisuu jalqabaniidha. Kanaaf, namoota mallattoolee dhukkubichaa qaban irraa qaamaan fagachuu fi tuttuqqii dhangala’oo qaamaa ofeeggannoon hirdhate irraa of qusachuun barbaachisa.
06/11/2025
Baale har'aa fi kaleessa 😂