Hudaa Media

Hudaa Media

Share

Hubannoof

28/07/2025

:Poolisiin Du’a Lammii Magaalatittii Mudate Qorataa Jiraachuu Ibse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2025: Poolisiin Magaalaa Adaamaa du’a lammii biyya Hindii kan magaalattiitti Sambata darbe mudate qorataa akka jiru ibse.

Koomishinar Shawaayyee Dachaasaa, Ajajaaan Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaa, du’aatiin Lammiin biyya alaa kun dhugumaan mudachuu Addis Standard’f mirkaneessanii, ka’umsa fi haala taateen kun itti mudatee qoratamaa akka jiru dubbatan.

“Du’aatiin kun mudachuun dhuguma, amma garee qorattotaa tokko hundeessinee, yoom, akkamitti, haala kamiin waan jedhu’ qorataa jirra, bu’aa isaas dhumarratti ni beeksifna” jedhan Koomishinar Shawaayyeen.

☑️ Hudaa Media follow like sher

27/07/2025

Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan Finfinnee galan

Pireezidaantii Itti Aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan Yaa'ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

‎Kaashiim Sheetiimaan wayita Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Finfinnee gahan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obb Tamasgeen Xurunaa fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen simannaa taasisaniifiru.


☑️ Hudaa Media follow like sher

Photos from Hudaa Media's post 27/07/2025

Dhukaasa Israa'el namoota nagaa daandii konkolaataa gargaarsaa daandii Salah al-Din kan giddugala Gaazaa irratti walitti qabaman irratti xiyyeeffachuun raawwatteen, yoo xiqqaate Filisxeemoonni sagal ajjeefamuu fi 54 ammoo madaa'uu isaanii qondaaltonni fayyaa himan.
______
Dubbi himaan Hospitaala Al-Awdaa Nuseirat akka jedhutti, loltoonni Israa'el namoota gargaarsa namoomaa eegaa turan irratti xiyyeeffachuun dhukaasa bananiin gara hospitaalichaa geeffaman.

Maddeen biyya keessaa akka jedhanitti, taatee kun naannoo Koridoorii Netzaarimiitti kan mudate yoo ta'u, namoonni hedduun konkolaataa gargaarsaa dhufu eeguun achitti dursanii walitti qabamanii ture.

Taatee kana ilaalchisee IDF yaada akka kennuuf gaafatamee ture.

Ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu, ammoo namoonni dabalataa jaha sa'aatii 24 darbe keessatti beelaan du'usaanii beeksiiseera.

Kanaanis daa'imman 87 dabalatee, baayyina lakkoofsa namoota erga waraanni eegalee kaasee beelaan du'anii 133 ta'eera.

☑️ Hudaa Media follow like sher

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Jimma
Addis Ababa