Zack Kedir

Zack Kedir

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Zack Kedir, Addis Ababa.

25/03/2024

Abu Hureeyraan radiyallaahu anhu akka dabarsanitti Ergamaan Rabbi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana jedhaniiru.

Namni guyyatti yeroo dhibbaa

{La ilaaha illallaah wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wahuwa alaa kulli shey’in qadiir.} jedhe ;-

ﻻ ﺇﻟﻪَ ﺇِﻻَّ ﺍﻟﻠﻪُ ﻭَﺣْﺪَﻩُ ﻻَ ﺷَﺮﻳﻚَ ﻟَﻪُ ، ﻟَﻪُ ﺍﻟﻤُﻠْﻚُ ﻭَﻟَﻪُ ﺍﻟﺤَﻤْﺪُ ؛ ﻭَﻫُﻮَ ﻋَﻠَﻰ ﻛُﻞِّ ﺷَﻲْﺀٍ ﻗَﺪِﻳﺮٌ

Akka gabroota kudhanii bilisa baasetti laakkawamaaf
Mindaan dhibba ni barreeffamtiif
Diliin dhibbas ni haqamtiif

Guyyaa jecha kana jedhee oole sana hanga lafti galgalooftutti sheeyxaana irraa tikfama.

Jecha kana nama isaa olitti yeroo hedduu irra deddeebi’ee jedheen alatti namni isa irra hujii gaarii dalagu tokko iyyuu hin jiraatu.”

(Bukhaarii fii Muslim gabaasaniiru)

Rabbiin Nama waan dhagahetti fayyadamu irraa nu haa taasisu.

Share gochuun waliif haa Dabarsinu!

14/03/2024

Salaata Taraawiih eenyuu jalqabe?

Salaata Taraawiih Nabi Muhammadiitu jalqabe. Ergamaan Rabbii Muhammadﷺ Ramadaana keessa Salaata Taraawiihaa ummataan Salaataa ture. Salaata Sunnaa Ishaa’ii booda gaggeeffamu kana ummanni hedduu jaalate. Garuu yeroo gabaabduu booda Nabiin ummataan Salaatuu irraa if qabe. Akka namni jaalatu kanaan Salaanni kun Fardii/dirqama tahuu waan maluuf dhiise. Yoo dirqama tahe ummatatti ulfaatuu sodaate. Ergamaa Rabbiitu Salaachisuu dhiise malee Sahaabaan akkuma jaalataniin qabatan. Osuma Rasuulliﷺ jiruu bakka adda addaatti Jam'aa dhaabanii Salaataa turan. Eega Rasuulliﷺ addunyaarraa godaanees Sahaaboonni Salaatuu ittuma fufan.

Salaata kanaan wal qabatee Sahaabtichi beekkamaan Umar bin al Khaxxaab(Rabbi irraa haa jaalatu) gaafa Khaliifaa isaa seenaa dalage. Salaata Taraawiih kan bakka adda addaatti Salaatamaa jiru bakka tokkotti, Masjida Nabawiitti deebisee akka Salaatan godhe. Rasuulliﷺ Salaatni Taraawiih dirqama tahuu sodaatee ture, eega Nabiin addunyaarraa godaane ammoo Wahyiin waan citteef dirqama tahuu hin dandahu. Kanaaf bahanii Taraawiih Salaatuun Sunnaa jaalatamtuudha. Yeroo Ramadaanaa malee Taraawiih Masjidatti Jam'aan Salaatuun hin tahu. Salaatni Taraawiihaa Salaatuma halkaniiti(Salaatu-lLeyl irraahi), namuu halkuu mana isaatti Salaatuu dandaha.

12/03/2024

Mee yeroo takka ergamaa rabbii Nabi mohammed irraatti salawaata haa buusnu jzkl nagaya fi Rahamanni rabbii sirra haa jiraatu yaa Nabi mohammed

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Addis Ababa