Fof Technology Solution
The delight place of your Tech Need.
14/10/2022
Warroonni DV-2024 Ameerikaa guuttachuu barbaaddan photo keessan sirnaan isiniif tolchinee (edit goonee) haala gaariin ni guunna nu dubbisaa
07/03/2022
5G’n dhaloota neetwoorkii dhaloota shanaffaa fi 4Gtti aanee kan dhufee teeknooloojii baay’ee
ammayyaa’aa yoo ta'u wantoota haaraa qabatee kan dhufeedha. Teeknooloojii “multiple input multiple output”(MIMO) kan jedhamuu kan fayyadamuudha. 5G’n bara 2018 jalqaba addunyatti kan beeksifame yoo ta’u, innis karoora addunyaa neetoorkiidhaan (virtually) walitti hidhuu qabatee kan dhufe yoo ta’u, dalagaawwan ajaa’ibsiisoo qabatee kan dhufeedha. Garuu qaamolee tokko tokko irraa teeknooloojii kana irratti qaamolee
gara garaa irraa sababa gara garaatii mormiin irratti qaqqabaa jira.
5G’n
- Saffisa hanga harka dhibbaa(100) 4G irra qaba.
-viidiyoo koonfiransii baay’ee qulqulluu ta’e, konkolaataa ajaja riimootiidhaan konkolaachisaa malee dalagu,roobootiiwwan gara garaa, tajaajila
wal’aansaa kennuu fii tajaajiloota gara garaa hedduuf tajaajila kennuu danda’u.
-dambalii baandiwiithii(bandwidth) 30GHz hanga 300GHz qaba.
-sakandii takka keessatti hanga giigaa baayitii kudhanii (10GB) faayila barbaanne buusuu(download)
gochuu danda’a.
19/02/2022
3G akkuma maqaa isaa irraa hubannutti “third generation” yookin immoo dhaloota moobaayilaa sadaffaa yoo ta’u. yeroo duraatiif hojii irra kan oole bara 1998 jaapaan keessatti yoo ta’u, yeroo Jalqabaaf gabaadhaaf kan dhiyaate immoo kooriyaa kibbaa(south korea) keessatti dhaabbata telekoomii SK jedhamuunidha. inni kun 2G irraa teeknooloojii CDMA (Code division multiple access) jedhamu irratti hundaa’uun siistamoota lama dabalatee kan dhufeedha innis kan jalqabaa UMTS kan jedhamu GSM 3G’n fayyadamuuf kan nu gargaaru yoo ta’u inni biraa immoo CDMA2000 kan jedhamu sagalee erguuf , daataawwan gara garaa iddoo tokkoo gara biraatti dabarsuuf fi kan kana fakkaataniif kan nu gargaaruudha. Dhaloonni neetwoorkii kun dambalii hanga 2100MHz keessatti dalaguu danda'a.
Amaloota 3G Keessaa immoo muraasni.
- Saffisa 384kbps hanga 2Mbps qaba.
- Wantoota akka bilbila viidiyoo(video calling) fayyadamuun ni danda’ama.
- Daataawwan gara garaaa daaddabarsuuf ni fayyada.
- Dandeettii guddaa tajaajila broadbandii kan fayyadamsiisuudha.
Garaagarummaan inni guddaan 3G fii 4G saffisa daataa isaan qabaniidha (speed). Kan biraa immoo teeknooloojii fayyadaman irratti garaagarummaa guddaa qabu. Teeknooloojii ijoon 4G adda taasisu MIMO(multiple input multiple output) fi ODFM(orthogonal frequency division multiplexing) jedhamaniidha. Staandaardiin baay’ee murteessoon 4G WiMAX and LTE Jedhamu. LTE’n fooyya’iinsa (improvement) 3G ti.
Taajaajilli neetwoorkii yeroo dhiyoo kana biyya keenna keessatti Ethio telekoomidhan jalqabaa jirus tajaajila 4G LTE isa kanaadha. Inni kun 3G irraa saffisa intarneeta ol’aanaa kan qabuudha.
- Saffisa Intarneetaa(speed) 20Mbps fii isaa ol kan qabuudha.
- tajaajilli broodbaandii(broadband) 4G LTE Harka kudhan(10x) kan 3G irra caala.
isa kana immo sadarkaa neetwoorkii isa guddaa fii isa dhumaa addunyaa kanaa reefuu yaalirra jiru yeroo itti aanutti ilaalla.
itti fufa.....
SHARE gochuun nama biraan gahaa.
GALATOOMAA!
Click here to claim your Sponsored Listing.