Win Win Stationery and Computer Accessory
Win Win Stationery and Computer Accessory is a a business website created for promoting our services to reach our customer easily and quickly.
Kabajamtoota maamiltoota keenya hundaaf
Ammas irra deddeebiin kara keessaan nu gaafachaa warra jirtaniif:
1. Passport haaraa baafachuun walqabatee:
Passport haaraa baafachuuf online galmaahuu namoonni dhuftanis tahee fageenya irra
jirtanii karaa telegram, imo, website fi e-mail keenyaan document barbaachisan nuuf
erguuf jettanii isin rakkise hundaaf:
a) Waaraqaa eenyummaa gandaa kan haaromfaame qabaachuu qabdu
b) Waraqaa ragaa guyyaa dhaloota keessanii qabaachuu qabdu
c) Online registration keessan raawwataamuuf Qarshiin lakkofsa herreegaa dhaabbata
immigration tti galii tahu (immigration passport online fee) process n eegalee
sahaatii lama gidduutti wanta taheef itti qophooftanii dhufuu qabdu
2. Namoota passport yeroon irra darbes ta’ee darbuuf jedhu haaromsiisu (renew of
expired or reach to expired passport) nu bira dhuftaniif
a) Passport keessan duraa qabattani dhuftu
b) Waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa keessanis qabattanii dhuftu
c) Suuraa keessan isa gabaabaa dheerina passportif tahu (Passport size photo)
qabattanii dhuftu
3. Namoota waraqaan keessa passport keessan isin jalaa dhumee garuu kan yeroon isaa
irra hin darbineef (not expired)
a) Passport keessan duraa qabattani dhuftu
b) Waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa keessanis qabattanii dhuftu
c) Suuraa keessan isa gabaabaa dheerina passportif tahu (Passport size photo)
qabattanii dhuftu
4. Namoota passport keessan isin jalaa bade ykn hatameef
a) Waraqaa ragaa waajira poolisii irraa
b) Waraqaa eenyummaa gandaa
c) Waraqaa ragaa guyyaa dhalotaa
d) Yoo jiraate ammo coppy passport keessan duraa fiddanii dhuftu
Walumaa galatti WIN WIN STAATIONERY AND COMPUTER ACCESSORY karaa onlines
tahee kallattiidhaan gara bakka hojii keenyaas kan magaalaa Giincii keessatti argamu yoo
dhuftan kabajaan isin simate akka isin barbaaddanitti fi yeroo barbaaddaanitti isin
keessummeesuf qophii dha wanta taheef isinis maamiltootni keenya dhuftanii carraa
jirutti akka fayyadamtan kan jennu waami
17/11/2020
17/11/2020
Maamiltoota keenya passport ilaalchisee wanta tokko tokko irra deddeebidhaan wanta nu gaafachaa jirtaniif akka info isiniif ta'uuf screenshot dhaan siniif post gochuu barbaadne irraa hubadhaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Telephone
Address
Addis Ababa
Opening Hours
| Monday | 20:00 - 05:00 |
| Tuesday | 08:00 - 02:00 |
| Wednesday | 20:00 - 02:00 |
| Thursday | 20:00 - 02:00 |
| Friday | 20:00 - 02:00 |
| Saturday | 20:00 - 02:00 |
| Sunday | 12:00 - 02:00 |