Oromticha

Oromticha

Share

Yaada dursaa; Odeeffannoo madaalawaa! Yaadni keessan ijaaraa keenya!

18/01/2025

Eā€œš˜½š™žš™®š™®š™– š™ š™–š™£š™– š™ š™šš™šš™Øš™Øš™–š™©š™©š™ž š™¬š™–š™–š™£ š™£š™Ŗš™©š™ž š™©š™–š™–š™£š™šš™š;š™¬š™–š™–š™£ š™Šš™§š™¤š™¢š™¤š™¤š™£ š™©š™–'š™š; š™—š™žš™£š™šš™šš™£š™Øš™ž š™”š™–š™œš™–š™–š™”š™”š™šš™š š™š™žš™£ š™©š™–š™–š™£š™š!"
š™…š™–š™¬š™–š™–š™§ š™ˆš™¤š™š™–š™–š™¢š™¢š™–š™™
~
Gochi bineensummaa daangaa darbe. Waan akka malee 'Shocked' nama godhu! Namni mootummaan nageenya uummataa haa tiksuuf hoj-maata itti kenne;faallaa isaa ammoo akka bineensa bosonaatti ilmoo namaa gaafa rasaasaan ciibsee waxalu arguu caala maaltu nama guba! Abadan waan akkasii arguun of-nama jibbisiisa;namummaa ofiitti nama qaanfachiisa!

Gara jabummaan sirnaa;gara jabummaan ilmoo namaa hamaa ta'uu isaatu irraa hubatama! Waaqayyo abbaan murtee dhugaa, ni argaa laata? Yoomuma garuu;kan ajjeechaan akka bineensaa nurraa dhaabbatee;nagaa argannee jiraannu? Yoomuma laata kan uummanni keenya nagaa argatee, qe'eef qabeenya isaa irratti;yaaddoof bir'ii tokko malee ciisee bulu? Yoomuma laata kan dacheen keenya dhiiga lola'u kana arguu jibbitu? Gaaffii yeroo maraa na keessa marmaartedha!

Waaqayyo ati argi, dhiiga nama qulqulluu bakkeetti rasaasaan waxalamee! Ormi Afaan isaa dubbachaa nu nyaate;jallaan keenyas Afaan keenya dubbachaat nu nyaate!

Orooliyaanaa Margaa1

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Gullalle
Addis Ababa
397447