Habtamu Abebe
Gaggeessummaan imaanadha. Imaanaa hin nyaatin. Imaanaa nyaachun imimmaan nyaachudha. MS
09/04/2025
, JECHA KANA GUDUUNFADHUU!
***************************************
1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasan hin ajjeesin.
6. kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa
gaaridha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha!
10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin
beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf
yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha.
16. Jecha caalatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaatadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa loogii hin qabnedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'anidha.
21. Oonnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan
fooddaa ala ittiin ilaaltu.
Kan dubbiserraa.
11/03/2025
KANA BEEKTUU LAATA ?
⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadota kanneen keessaa baay'een isaanii kan isa fayyadan osoo hin taane kaallattiidhaanis tahe al kallattiin kan isa miidhaniidha.
⚫Dandeettii yaaduu sammuu isaa 10%-12% qofa itti fayyadame dhalli namaa (Shiiv keeraa).
⚫Haaloo qabachuun kan inni miidhu namicha sitti balleesse sana osoo hin taane si isa haaloo qabateedha.
⚫Raawwatee namni dogoggora hin uumne isa du'e qofa akka tahe beektaa? Garuu dogoggora irra deddeebi'uun immoo balleessaadha.
⚫Namni gahumsa g/galeessa qaba jedhamu tokko yoo xiqqate dandeettiiwwan adda addaa 500-700 qaba. (Riik Waaren)
⚫Namoota addunyaa irra jiran hunda keessaa kan bakka si buhuu dandahu hin jiru.
⚫Namoonni ji'atti daqiiqaa 30f ispoortii hojjetan namoota homaa sochii hin goone caalaa 43% umurii dheeraa jiraachuu danda'u.
⚫Onneen keenya yeroo 103,680 akka dhikkifattu ykn waggaa tokko keessatti yeroo 37,843,200 akka dhikkifattu.
⚫Onneen keenya dhiiga gaaloonii 4,300 akka raabsitu kan godhu yoo tahu kunis bara jireenya keenyaa keessatti baarmela biliyoona 13 guutuu danda'a.
⚫Dhiigni keenya kaappilaarota km 960,000 dheeratan keessa yeroo 1,450 akka naannawu godha.
(kanan dubbiserraa)
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the practice
Telephone
Website
Address
0912871336