Burka press
Oduu fi Odeeyfannoo,
Addunyaa guutuuu, Media #Burkapress irraa arkattu!
#follow godhuun nu hordofaa!
03/06/2026
Kuweetitti halee-llaan jabduun raawwatamte.
Halee-llaa Iraan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Kuweet irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 63 madaa’uu Ministirri Fayyaa Kuweet beeksise.
02/06/2026
"Lafa Tigraay dhuunfatame ni deebifna" Hoggantoota Raayyaa Ittisa Tigraay 33ffaa"
Raayyaan Ittisa Raayyaa Ittisa biyyaa tuuram amma ittisa Tigraay (TDF) ofiin jedhu miseensota isaa leenjii torbee sadiif fudhachaa turan eebbisuu beeksise.
Akka hoggantoonni raayyaa ittisa Tigraay kunneen jedhanitti; leenjiin kun "qabsoo lafa abbaa biyyummaa Tigraay dhuunfatamee ture deebifachuu, lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'an gara ganda isaaniitti deebisuu fi kanneen dhuunfataman bilisa baasuuf gaggeeffamuuf dandeettii ni ijaarra," jechuudhaan ibsan.
Yeroo tun yeroo kaaba Itoophiyaatti sochiin waraa-naa mullachaa jirutti.
02/06/2026
Yeroo guutuu Ityoophiyaatti filannoo adeemsifamaa ooletti TPLF muudama walii kennaa oolte!
- Waxabajjii 1/2026(ShMN):- Manni Marii Naannoo Tigraay walgayii ariifachiisaa yaa'ii 6ffaa bara kurmaana 4ffaa taa'een muudama itti gaafatamtoota hojii raggaasiseera.
Walgahiin ariifachiisaa kun yaa'ii idilee dabre raggaasisuun eegalame.
Pireezidaantichi muudama Pireezidaantii Itti Aanaa, Hoggantoota Waajjiraalee, Pireezidaantii fi Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa, Bulchitoota godinaa, Odiitara walii galaa fi Itti Aanaa Odiitara Waliigalaa fi Daarektarri Olaanaa Ejensii Miidiyaa sagalee guutuun raggaasisaniiru.
Haaluma kanaan
1. Itti Aanaa Pireezidaantii fi Hogganaa Biiroo Haqaa - Obbo Amanu'eel Asaffaa
2.Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Tigraay Obbo Alembarihaan Harifeyoo
3. Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii- Obbo Alam Gebrawaahid
4. Hogganaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii- Obbo Teklaay Gebramadhiin
5. Hogganaa Biiroo Barnootaa- Dr. Kiroas Gu'eesh
6. Hogganaa Biiroo Itti Fayyadama Lafaa
7. Hoggantuun Biiroo Albuudaa- Aadde Birkitii Gabramadiin
8.Hogganaa Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa- Dr. Teklaay Tasfayee
9.Hogganaa Biiroo Fayyaa- Dr. Tseggaayee Berihuu
10. Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Tigraay Dr. Abrahaam Hagos
11. Hoggantuun Biiroo Teeknikaa fi Ogummaa fi Hojii Uumuu- Aadde Elsaa Tesfaayee
12. Hogganaa Abbaa Taayitaa Misooma Galiiwwanii- Dr. Mihret Beyyanee
13. Hoggantuun Biiroo Tumsa Maallaqaa fi Qabeenyaa- Aadde Rahmaa Abdulkadir
14. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa- Aadde Shawiit Addis
15. Hogganaa Biiroo Saayinsii fi Teeknooloojii Tigraay Dr. Gebramasqal Gebremaariyaam
16. Hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii- Obbo Doorii Asgedom (Nyimba) .
17. Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa akkasumas kanneen biroo Manni marichaa yaada wayyaaneen teessoo hojii raawwachiiftuu harka sadii keessaa tokko humnoota lolaaf kennuuf dhiheessite raggaasiseera.
Dubbiin kuni dubbii addaati mee dhaggeeyfadhaa!
HARARGEE!!😭
Click here to claim your Sponsored Listing.