Miiltoo Fayyaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Miiltoo Fayyaa, Doctor, Addis Ababa.
18/10/2024
XANNACHA TAAYROYIDII
✔ Fuuldura mormaa keessatti gara lafee qomaa gad siqee argama.
✔Hormoonii Taayroxin jedhamu maddisiisa.Hormoonin kunis itti fayyadama anniisaa qaamni keenya soorata irraa argatu Kan too'atuudha.
✔Hormoonii jechuun cheemikaalota xannachoota gara gara irra maddanii ergama isaanii seelota gara garaa irratti raawwataniidha.
✔Hormonin Taayroyidii faaydaale kannen akka
❶Hargasuu fi dhahannaa onneetif barbaachisaa dha.
❷Guddina sammuu kessattuu daa'immanii fi guddina sirna narvii yeroo ulfaa.
❸ulfaatina qaama keenya fi marsaa laguu too'achuu
❹Ho'a qaama keenyaa fi hamma Kolesterooli too'achuu fi gahewwan biroos qaba.
✔Xannachi Taayroyidi Ayoodinii soorata keenyarra argannu fayyadamuun Hormoni T3 fi T4 kan jedhaman maddisiisa.
✔Hormononni sammuu keenya pituitary keessa maddan (TSH) madaala hormonii Taayrodii eegu.
✔Hormoonin kun sababa garagaraati qaama keenya keessatti gab bu'uu(xiqqaach)ykn ol ka'uu danda'a.
OL Ka'uu hormoni taayroyidii fi mallattoole isaa (Hyperthroidism)
➤ Dhiphachuu
➤ Dafqisiisuu
➤ Ijji fuuletti bahee muldhachuu
➤ Qilleensa Ho'aa dadhabuu
➤ Dhahannaan Onnee dabaluu
➤Fedhiin Nyaata Dabaluu fi Huqqina qaama fi mallattole biroos agarsiisu danda'a.
Gad bu'uu Hormoni Taayroyidii(HYPOTHYROIDISM)
➤Sagaleen nama humna dhabuu
➤Dadhabbii qaamaa
➤Xiyyeeffannoo dhabuufi Mukaa'uu humnaa
➤Gogiinsa gogaa fi Rifeensi haphachuu
➤marsaan laguu baayyachuu
➤Ulfaatinni qaamaa dabaluu
➤Gogiinsa mar'imaani,Rakkoo Onnee fi maashaalee fiduu danda'a. Hawaasa keenya keessatti Dhibeewwan Xannacha kana wajjin wal qabatan Bal'inan mul'atu.
Rakkoon biraa xannacha kana irra ka'u kaansarii dha.
Keessattu namoonni lafa ol ka'aa( highland) irra jiraatan hanqina ayoodiniitif saaxilooma.kanaaafuu Ashaboo ayoodized ta'e fayyadamuun murteessaa dha.
Rakkolee ibsaman yaalan guutumatti Kan furmaata argataniidha.
18/10/2024
Kabajamtoota hordoftoota fuula fb Miiltoo Fayyaa akkam jirtan? Har'as challenge tokko qabannee isiniif dhihaannera.challengin Kunis namoota lama Dursanii deebii sirrii deebisaniif badhaasa qabna. yaalaa!
1.Xannachi fayyummaa qaama keenyatif murteessa ta'e fuulduree mormaa irratti argamu kun maal jedhama?
2.Rakkoolee fayyaa ijoo xannacha kanaan wal qabatanii uumamu danda'an 3 tarreessaa.
Carraa gaarii
11/10/2024
Namni dhibee sukkaara qabu tokko Insulin ykn gosa qorichoota sukkaara Kanneen akka glibenclamide,gliclazide and glimepiride Kan fudhatu tahee dafqiisiisuu,beelessu,dafqiisisu,uf wallaalchosuu fi akka gaggabdoo Kan qabu yoo ta'e...
qorichoonni kuni sukkaara qaama keenya hanga barbaadamu ol hir'suudhan rakkoo kanaaf nama saaxilu.rakkoon Kunis hypoglycemia jedhama.kanaaf rakkoo kana akkamitti hir'isuu dandeenya?
Qorichoota kana erga fudhatamee booda nyaata nyaachuu gonkumaa irranfachuu hin qaban.
Rakkoon armaan olii yoo namatti uumame dafanii mi'aawaa kanneen akka sukkaara, dhugaatii lallaafaa, karameella fi kkf fayyadamu. Namni sun Kan of wallaalaa deemu yoo ta'e dafanii mana yaalaa geessun glucose Hidda dhiigaatin kennuun salphatti yaalun ni danda'ama.
Walumaagalatti ogeessa fayyaa gahumsa qabu biratti hordoffii gahaa gochuun rakkoole hamaa akkanaa ittisuun ni dandayama.
Share godhaa
22/08/2024
Mallattoolee dadhabbii Kalee
Kaleen xuraawaa qaama keenya keessaa basuun dabalatatti hojiilee baayye qabdi.maxxansa kanaan duraa irratti ibsuun keenya ni yaadatama.kanaaf mallatoole armaan gadii of irratti yoo arginu qorannoo kalee godhuun barbaachisaadha.
1⃣ Dhiibbaan dhiigaa humnaa ol dabaluu.
2⃣ Hafuura kutuu
3⃣ Naannawa ijaa iita'uu keessattuu ganama ganama irratti, akkasumas milli lameenis iita'uu danda'a.
4⃣ Miira dadhabbii humnaa olii fi mukaa'uu ka'umsi isaa hin beekamne
5⃣ Lollooccii fi haqqisiisuu yeroo dheeraa Navarra turu
6⃣ Rakkoo hir'ina dhiigaa sababa miidhamuu kaleetin dhufuu danda'a
7⃣ Akksumas qorannoo irratti hir'ina kaalshiyemi fi vitamin D akkasumas potashiyeemin dhiiga keessatti ol ka'uu danda'a.
Mallattoleen Arman olitti eeraman kunniin sababa dhibeelee biraatin muldhachuu danda'u.Haa ta'u malee mallattolee kanniin of irratti yoo argan sakkatta'iinsa hojii kalee qorannoon adda baafachuun barbaachisaa dha.qorannoole kanneen akka Yuriyaa, kiri'aatiniin ,GFR FI ultrasound laallamuun barbaachisaa dha.
Click here to claim your Sponsored Listing.