Nursingpage

Nursingpage

Share

To Save Life🩺✅🧑‍🔬

05/07/2026

The full form of OPD is..?

Photos from Nursingpage's post 26/05/2025

Dhukkuba MPox (Monkey Pox Virus)
**************************************
Dhukkubni Mpox (monkeypox = maariiyyee jaldeessaa) jedhamu magaalaa Moyaalee keessatti mul'atee jira jedhamaa jira..

Maariyyee Jaldeessaa/ Monkey pox

👉Dhaabbanni fayyaa Addunyaa(WHO) weerarri dhukkuba "Monkey pox " Baha Aafrikaatti akka ka'e ibsee jira
Waa'ee Dhukkuba kana waan beekuu qabnu
♨️Dhukkubni Monkey pox(Maariyyee jaldeessaa) jedhamu kun kan inni dhufu Vaayirasii "Monkey pox" jedhamuun yoo ta'u dhukkuba baay'ee daddarbaa ta'eedha........
♨️ Mallattoolee Isaa
👉 Shiftoo qaamaa
👉 Dhaqna gubaa /hoo'ina qaamaa
👉 Dhukkubbii huuba qoonqoo
👉 Bowoo mataa
👉 Dhukkubii qaamaa/maashaa
👉 Dhiitoo xixinnaa nama dhukkubu
👉 Humna dhabuu

♨️ Karaa Ittiin Daddarbu
👉 Tuttuqqii qaamaa
👉 Walitti siqanii haasawuu
👉 harka walfuudhuu
👉Afaan keessa waldhungachuu(kissing)
👉 Walqunnamtii saalaa
👉 Uffata nama dhukkbni qabee uffachuu
👉Beeylada dhukkuba kanaan qabameen ciniinamuu,boccooramuuu

♨️ Yaala Isaa
👉Dhukkubni kun hanga ammaa yaala kana jedhamu hin qabu. Deeggarsa garaagaraa taasisuu fi ittisuurran kan hafe.
Ittisa:
Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama?
👉Talaallii dhukkubichaa fudhachuu
👉Nama dhukkubichaan qabame qofaatti baasuu(Isolate) gochuu
Namni dhukkubichaan qabame maal gochuu qaba?
👉Qofaa isaa mana turuu
👉Qaama isaa bakka shiftoon jiru akkuma tuqeen harka dhiqachuu
👉Maaskii godhachuu
👉Qaama isaa uwwisuu dhiisuu
👉Meeshaalee garaagaraa tuquu dhiisuu
👉Bishaanitti soogidda xinnoo godhee afaan lulluuqqachuu
👉Bishaan hoo'atti soogidda godhanii qaama dhiqachuu,keessattuu bakka dhiitoo fi shiftoon jiru.

Maaltu godhamuu hin qabne?
💀 Qaama bakka shiftoon jiru hooquu dhiisuu.sababni isaas hooqun akka madichi hin fayyinee fi bakka biraatti darbu godha waan ta'eef .
💀 Bakka shiftoon jiru sanarraa hanga badutti rifeensa haaduu dhiisuu.
**************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

://www.facebook.com/profile.php?id=100069289488919

26/05/2025

Yeroo ulfaa Sochii qaamaa hojjechuun faayidaa akkamii Dubartootaaf qaba?
- Dhukkubbii dugdaa ni hir’isa
- Gogiinsa garaa yeroo ulfaa ni hir’isa
-Si’aaina fi anniisaa dubartootaa ni dabala
-Hirriba qulqulluu tahe akka rafan godha
-Ulfaatina qaamaa garmalee ni hir’isa
-Maashaa jabeessuun cimina kennaaf.
-Dhibee sukkaaraa ulfaan wal qabatee dhufu (Gestational diabetus mellitus) ni hir’isa
-Dhiibbaaa dhiigaa olkahaaf akka hin saaxilamneef gahee guddaa qaba

Sochiin qaamaa yeroo ulfaa godhamu hedduu jira. Sochiiwwan kunniin sochii akkamii akka tahe ogeessota fayyaa mariisiisuun akkasumas Viidiyoowwan ogeessota Ispoortiin kennaman kanneen akka Yoga, kegels exercise fi kkf ilaaluun hojjechuun ni gorfama

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Jimma