Calanqo Tube

Calanqo Tube

Share

Seenaa ofii beekuun Sabbonummaa isa jalqabaati

26/05/2025

Qalbii Keef Amanam:

Saayintistichi beekamaan Albarti Ayinistaayin jedhamu tibba tokko, "Namootni dadhaboon gadoo qabatanii yeroo eeganii haaloo isaanii bahu. Namootni jajjaboon dhiifama gochuu beeku. Hayyoonni immoo hamaan isaan irratti hojjetamu illee hammeenyaaf iddoo hinkennan," jedhee ture.

Barnootota barri itti darbee moofa'uu hundandeenye ani Albarti Ayinistaayin irraa baradhe kunooti:

1. Waayee bara kee egeree garmalee yaaduutti yeroo kee hinqisaasiin.
"Barri inni fuulduraa yeroo isaa eegee dhufuu hinhanqatu."

Yeroon inni fuuldura kee jiru, jechuun guyyaan ati bor, iftaan jettee waamtu maal fidee akka dhufu hinbeektu. Waayee borii dhiphachuun gammachuu kee har'aa hata, hubadhu. Waan har'a ofarkaa qabdu irratti xiyyeeffadhuutii tarkaanfadhu.

2. Waan guddaa yaaduu hinsodaatiin.
"Waan guddaa yaaduun waan xixinnoo yaaduu caalaatti bakka fagoo sigeessa."

Seenaa addunyaa kan jijjiire yaadoota jajjaboodha. Kanaaf waan xixinnoo gangalchuutti yeroo kee hinballeessiin. Uggi, yaada guddaatti bu'uu hinsodaatiin.

3. Fuulduratti socho'uu addaan hinkutiin.
"Jireenyi biskiliittii akka oofuuti. Madaala kee bitaafi mirgaan eeguuf socho'uu qabda."

Bakka tokkicha takaalamtee hindhaabatiin. Xinnoos tahu, guddaa jijjiiramni jijjiiramuumadha.

4. Waan hojjettufi yaaddu hagasmara walxaxaa hingodhin.
Dubbii ulfaataa fakkaatu laaffisii ilaali. Waan xinnoo olfuutee hin'arbeessiin. Dhimma yeroo gabaabaatti xumuramu battaluma goolabi.

5. Barnootni akkamitti yaaduu akka qabdu sibarsiisuu qaba.
"Kaayyoon barnootaa sammuudhaan akkamitti yaaduun akka danda'amu leenjisuu tahuu qaba malee, waan dubbiste hundumaa sammuutti "shamaddaduu" tahuu hinqabu."
Kanaaf, caalaatti dubbis. Waan dubbiste irratti yaada mataa kee kenni. Beekumsi kee waan dubbiste irraa ogummaa ati argatte haatahu.

6. Hundi keenya bu'aa muka tokkichaati.

"Amantiileen cufti, hojiileen artis tahan saayinsiin hundi dameelee mukuma tokkicha sanatti."

Namummaan wayita wajjjn guddatan dagaaga. Hundumti keenya kan tulmaamnu olitti waliin hidhata qabna.

7. Qalbiikeef (conscience) amanamaa tahi.

"Mootummaan kan sirraa barbaadu tahu illee waan tokko faallaa qalbiikeetii hindalagiin."

Yeroo ulfaataattis, akeekni jireenya keetii qajeelchaa tarkaanfii kee siif haatahu.

☆☆☆☆☆ ♡♡♡♡♡♡
(Barreeffama kana hiriyyoonni kees haadubbisanif qoodif.)

Maddi: Hope & Inspire

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Addis Abeba
Addis Ababa