Al Sofumar News-ASN
Oduu addunyaa Afaan Oromootiin Oduulee waqtaawoo idil-Addunyaa
23/12/2025
Hojii Raawwachiisaa Itti aanaa EBC Abdurrahmaan Ruubee du'aan boqotan
Hojii Raawwachiisaa itti aanaan Korpooreeshinii Biroodkaasti Itiyoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Abdurrahmaan Ruubee du'aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Abdurrahmaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har'aa du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Abdurrahmaan Sadarkaa riipoortaraa hanga Itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru.
Keessattuu OBN fi EBC tti riipoortaraa hanga hoggansaatti tajaajilaniiru.
Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii kan turan yoo ta'an sirni awwalcha isaaniis guyyaa har'aa raawwatama jedhameetis jira.
Click here to claim your Sponsored Listing.