Mifta Awel

Mifta Awel

Share

Odeeffannoo Woqtaawaa fi Qulqulluu Ummata Biraan ga'uun, Ilaalcha Biyyoolessaa dagaagsuu,akkasumas hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa guddisuuf hojjanna.

31/05/2026

Sagaleen Koo Hiree biyya keenyaa murteessuu keessatti gahee bakka hin buune qaba.

Kanaaf qophii Xumuree sa'atii eeggataa jira. Isin Qophooftanii?

Photos from Mifta Awel's post 06/05/2026

Haati dhala dhabdee turte tokko altakkaan daa’imman 5 nagaan ofkolte.

Ga’eettiin waggaa 35 Aadde Badriyaa Aadam dhala argachuuf waggaa 12 hawwaa erga turanii booda miilana altakkaan ilmaan dhiiraa 4fi dubara 1 nagaan dahuun haadha ijoollee ta’an.

Hospitaala Hiwoot Faanaa Yuunivarsiitii Haramaayaatti Ispeeshaalistiin Ulfaafi Gadameessaa Dr. Obsaa Hassan, haati kun Hospitaalichatti deddeebi'uun hordoffii gochaa turuun, Ebla 27,2018 galgala naannoo sa’aatii 3:30tti daa’imman shan altakkaan nagaan ofkaluusaanii dubbatan.

Harmeen kun jiraattuu Naannoo Hararii Aanaa Soofii Ganda Qilee yoo ta’an, waggaa 12 oliif dhala dhabuun Hospitaalatti deddeebi'uun qoricha ‘Ovulation induction’ jedhamu fudhachaa waan turaniif, yaaliin kunimmoo daa’imman lakkuu akka ulfooftu gochuu mala jedhan, Dr.Obsaan.

Harmeen kunis yeroo ammaa gammachuunsaanii dacha ta’uu himan.

Daa'imman dhalatanis iddoo kunuunsa daa'immaniitti tajaajila barbaachisu argataa jiraachuu kan himan Dr.Obsaan, fayyummmaan haadhaas ta’e kan daa’immanii haala gaariirratti argama jedhan.
OBN tu Gabaase.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Addis Ababa