Petros Robe Shera
Tokkummaa Obboloowwan.የወንድማማቾች አንድነት።
22/09/2023
Irreechi irree Keenna,duudhaa jeebanticha ganamaatis.
==================================
Irreechi mallattoo tokkummaa Fi jaalala jeebanticha ganamaati.kana yoo jennu waa malee miti.irreechi Akka aadaa oromootti galateeffannaa waaqa dachee Fi samii uumee yeroo mara woggaatti yeroo tokko Kan kabajamu ta'a. innis yeroo mara Fulbaana Naannoo 24~27 tti Kan geeggefamu yoo ta'u,oromoon Marti achitti walgayee"yaa waaqa bacaqii gannaa nubaachee booqaa biraatiin nugeette Galata hoodhu"jedhaa Tulluu Fi malkaatti yaa'anii uumaa Isaa ittiin galateeffataniidha.
Ayyanichi irreechaa Kun kutaa oromiyaa kamiiyyuu keessatti Kan kabajamu yoo ta'u Akka waliigalaatti iddoo gurguddaa lamatti kabajama.isaanis:hora finfinnee magaala finfinneettii Fi harsadee magaala bishooftuutti Kan geeggeffamu yoo ta'u Kunis bara kanaaf walduraa duubaan hora finfinnee Fulbaana 26/2016 magaalaa finfinneettii Fi harsadeen Fulbaana 27/2016 magaalaa bishooftuutti Kan kabajamu ta'a.
Maalummaan kabaja ayyaanicha
✓tokkummaa
✓sabdaneessummaa
✓Araara
✓jaalala
✓sirna duudhaa ganama oromticha
🔸Gaachana sirnaa nageenya wolootiif
🔸Mana murtii aadaa Haqa wolootiif
🔸 Tajaajila lammummaa misooma wolootiif
🔸Buusaa gonofaa deeggarsa wolootiif Fi kkf Kun Marti aadaa oromticha ganamaati.
Kanaaf irreechi mallattoo tokkummaa Fi obbolummaa uummata oromooti!
Qormaatileen gurguddoon ayyaanicha kanarratti nuqoruu danda'an keessaa inni ijoon garee finxaaleyyii Kan aadaa oromticha ganamaa irratti hinaafanii Fi maalummaa oromummaa jibbanii Fi ilaalcha amantii yommmuu ta'uu dhala oromoo Kan taate Marti iddoo jirtutti hadheeffatee Akka qabsaa'uu ergaa dabarsinaa
Irreechi mallattoo tokkummaa Fi obbolummaa uummata oromooti!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Aje
GUJIZONE