Musse T Gonfa
It is not about how much you have, it is what you do with it.
05/10/2024
BAGA GEESSAN
Namoota dhukkuba gaaraachaa qabdaniif - Fayyummaa Gaaracha Keessaniif:
*********************************
1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu.
2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.
Faayidalee ANAANAASII
**************************
● Anaanaasiin tokko hamma Vaayitaamiin C guyyatti barbaadamuu ol waan qabuuf:
- Sirna ittisa qaamaa keenya ni jabeessa.
- Dandeettii qaamni keenya dhukkuba garagaraa of irraa ittisuu olkaasa.
- Fayyummaa Irgaafi Ilkaanitiif: Irga dhiiguuf madaayeef heddu gaariidha.
- Madaan qaamaa dafee akka fayyu ni garagara.
● Pootashiyeemi guddaa waan of keessaa qabuuf:
- Fayyummaa Kaaleefi Onnee keenyaaf gariidha.
- Dhiibbaa dhiigaa hamma tokko hirdhisuu irratti gahee qaba.
● Vaayitaamiin A hamma tokko of keessaa qaba:
- Kunis fayyumaa ija keenyaaf gaariidha
● Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) heddu of keessaa waan qabuuf:
- Garaan akka nama hin gogne ni godha.
- Hamma sukkaraa dhiiga keessa jiru hanga tokko madaalawaa akka ta'u ni godha.
- Fayyummaa mur'umaan keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
● Nyaanni nyaanne dafee akka daakkamu ni si'eessa.
● Keemikaalotaafii albuudota kan biroo kan fayyummaa gogaa, lafeefi carraa Kaansaroota tokko tokko hirdhisan hedduu of keessaa waan qabuuf fuduraa gaariidha.
Vitamin D lafee cimaa fi dandeettii
dhukkuba ofirraa ittisuu ijaaruuf soorata barbaachisaa dha!
HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.
MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.
KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.
NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
Click here to claim your Sponsored Listing.