Afran Qalloo
Welcome 🅰🅱🅾
• Qabsoo hidhanno-maleessa waan geggeessuuf, Qeerroon meeshaa waraanaa hin qabatu.
30/01/2025
Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif mootummaan Itoophiyaa gaafate.
Mootummaan Itoophiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennaman gaafachuun dhaga'ame. Itaamaajoorii Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Biraanuu Juulaafi Koomishinara Poolisii feederalaa Dammalaash Gabramikaa'eel dabalatee qondaalonni bilxiginnaa hedduun irraa deddeebiidhaan gaaffii kana dhiyeessaa turan jedhame.
Biyyi Obbo Lamaan yeroo ammaa keessa jiraachaa jiran xaaliyaani yoo ta'u, mootummaan biyyichaas dhimma kanarratti Obbo Lammaa haasofsiisuun himameera. Kana qofaa osoo hin taane hordoffii jabaa jala akka jiranis itti himuu gabaasni arganne kun ni ifoomsa.
Namoota garaa aangootti isaan fidaniifi sirna diriirsaniifi hedduu ajjeesuun, hidhuuniifi ganuun ijoo dubbii ta'anii kan turan muummichi minsteera Itoophiyaa Abiy Ahimad amma ammoo aangoo gadhiisuufiin gulantaa kanaan kan isaan gahan Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif gaafachuu barame.
Jalqaba Obbo Lammaa Magarsaa dabarfamanii akka kennamaniif jiilli tikaa Obbo Sisaay Tolaatiin durfamu gara xaaliyaanii imalee turuun himame.
Gaaffiin yeroo sanatti dhiyaates Obbo Lammaa Magarsaa shororkeessitoota waan deggaraniif qabaatii nuu keenna kan jedhu yoo ta'u, deebii utuu hin argatiin hafee jedhame. Gaaffiin kunis kan dhiyate WBO fi Bilxiginnaa gidduutti mariin araara marsaa lammaffaa Taanzaaniyaatti osoo hin eegaliin dura akka turetu himame.
Mariin sun milkaa'uu booddee dhimmi Obbo Lammaa Magarsaa qaamolee olaanoon qabamuun Koomishinara Poolisii feederalaa Dammalaash Gabramikaa'eel gara xaaliyaanii imale, hogganoota state police biyyattii wajjin dubbachuun maddeen himaniiru. Haa ta'u malee gaaffii Obbo Lammaa Magarsaa dabarsaa nuuf kennaa jedhuuf deebii gahaa dhabuun himame.
Isaa booda ammoo jiilli itaamaajoorii Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Biraanuu Juulaatiin durfamu gara sanatti imalee turuun himameera. Fiild marshall Biraanuunis, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan lolaa jiru garee shororkeessit
05/12/2024
Jaal Booree Lammiitiin
------------------------------------
Dayyuusni Biltsiginnaa ololaan waan jijjiirama fiddu seetee uummata burjaajessuu yaalti. Hayyuun damee siyaasa qabsoo haqaa sana hoogganu garuu waan jedhu ilaali.
!
```````````````````````````````````
🍀Akkuma Beekkamu Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii GG irraa humni hammi tokko humna ittisa Ummataa dirqiin booji'uun diinatti harka kennachuun ni yaadatama!
🌿Wanti guddaan hubatamuu qabu Qabsoo Bilisummaa Sabaa namoota sabboonummaaf ilaalcha wal fakkaataaf quurama Sabaa qabantu walitti dhufee gaggeessa. Achi keessatti akkuma wareegamni jiru gantummaan jumlaaf dhuunfaa ni jiraata.
🌿Gatiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo garuu dha. Lafeen qabsicha irratti cabee qabsicha utubee dhaaba, dhiigni qabsicharratti jige sabboontota dhugaa qabsichaaf biqilcha.
🌿Taatus hollolli guddaan onnee Ummata Oromoo laaffisuu fi gidduu kana deemaa jiru Abjuu arboome ta'uu Ummanni keenya hubachuu qaba.
🌿Sodaa Waraanicharra qaban dandamachuuf hollolli humna xiqqaa kaayyoo gane godinaalerraan deemun agarsiisan Kun Ummanni keenya hagam takka Waraanicha akka itti dhiyeenyan beeku wallaaluu irra madda.
erbee miti kan kutanii Afaan waraabessa buusan. Loltuun dirree Jira, hololtuun Qilleensarra jira.
🌿Amma qabsicha Social media platform irraa buufnee Sammuu dhaloota keessa keenyee jirra. Waraana dronin dadhaba hololaan diigna jedhanii yaadun gulantaa Sabboonummaa Sabichaa fi Gootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo wallaaluu irraa madda.
🌿Nagaa eenyu Caalaa Barbaanna, Nagaa irreen dhabne irreen argachuuf immoo hojiitti jirra.
Dhalootichi harkaa qabnu adda baasee beeka.
Ummanni keenya Qabsoo kunuunsee guddisee dhaloota kanaan gahe, Ka'uumsaf galii Qabsoo Bilisummaa Oromoo hubatee beeka.
🌿Burjaajiin hin barbaachisu, gumaa baasuf Osoo hin taane Oromoo qonnee baasuf Waraanni Bilisummaa Oromoo Gola Oromiyaa keessa jiru yoomuu Caalaa qophiidha.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Awassa
1000