Ayytech
Page kenyaa kaana irraa odefannoowwan Technology harawaa ta'an appiwwan filatamoo, gamiilee garga
28/08/2025
NASAn qorannoo saayinsii aduutiif moodeela haaraa sammuu namtolchee ifoomseera.
NASAn saayinsii aduu ceesisuuf sirna haaraa Solar Heliophysics Foundation Model jedhamu ifoomseera. Moodeelli kun ragaa aduu waggoota sagal NASAn walitti qabe irratti hundaa'a. Moodeelli Aduu kun balaqqeessa aduu fi haala qilleensa hawaa gadi fageenyaan qorata.
Moodeelli AI kun balaa saatalaayitii, giiridii humnaa fi sirna qunnamtii irratti mudachuu danda’u tilmaamuuf gargaaruu danda’a. Akkasumas saayintistoonni dhiibbaa raadiyaashiniin altiraavaayoleetii aduu qilleensa gubbaa lafaa irratti qabu hubachuu fi tilmaamuuf gargaaruu danda’a.
Moodeelli kun IBM fi michoota biroo waliin ta’uun kan hojjetame ta’uu NASAn marsariitii isaa irratti ibseera.
28/08/2025
Afrikaa Kibbaa fi Chaayinaan sammuu namtolchee irratti tumsuuf waliigalaniiru.
Afrikaan Kibbaa fi Chaayinaan teeknooloojii AI irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru. Waliigaltichi qorannoo fi kalaqa kan hammatu yoo ta’u, teeknooloojiin kun dameelee ijoo keessatti akka hojiirra oolu karaa kan saaqu ta’uu marsariitiin iAfrica irraa argame ni mul’isa. Waliigaltichi Huawei fi Honor waliin ta’uun barattootaa fi abbootii qabeenyaaf bilbiloota ismaartii gatii madaalawaa ta’een dhiyeessuu kan hammatedha.
Jilli Ministeera Komunikeeshinii Afrikaa Kibbaatiin durfamu yaa’ii BRICS irratti dhaabbilee teeknooloojii Chaayinaa waliin dhimma kana irratti mari’achuu isaa gabaafameera. Naannolee biyyattii hin misoomne keessattis fayyadamni intarneetii fooyyessuuf mariin gaggeeffameera.
Ministeerri kun tattaaffiin kun lammiileen Afrikaa Kibbaa hundi dinagdee dijitaalaa keessatti akka hirmaatan fi fayyadamoo ta’an gargaaruuf kan kaayyeffate ta’uu ibseera.
Ministeerichi Afrikaan Kibbaa bara 2028tti dinagdee dijitaalaa irraa GDP ishee keessaa hanga dhibbeentaa 20 maddisiisuu akka dandeessu ibseera.
Marsariitii | Facebook | X | YouTube | TikTok | LinkedIn irratti | Instagram