Laboratory Technology Ed
walk the way you know is right, even if you expire,let it be the right way.
10/05/2024
XANNEE ykn Beela Hamaa Nama Kuffiisu (HYPOGLYCEMIA)
******************************
Beelli cimaan, dhukkuba akka tasaa sababii adda addaatiin hangi sukkaara (giluukoosii) dhiiga keenya keessaa gadi yoo bu’u uumamudha.
******************************
MAALTU NU SAAXILA?
● Nyaata gahaa nyaachuu dhabuu.
● Sooma sa’aatii dheeraa.
● Ispoortii ciccimoo osoo addaan hin kutiin sa’aatii baay’eef hojjechuu.
● Alkoolii baay’inaan dhuguu.
● Qorichoota dhukkuba sukkaaraaf kennaman hamma ajajameen olitti baay’isanii fudhachuu.
● Infeekshinii adda addaa.
● Dhukkuboota ciccimoo kan akka dhukkuba tiruu, dhukkuba kalee fi dhukkuba onnee.
******************************
MALLATTOON ISAAHOO MAALI?
Mallattoowwan dhukkuba kanaa namaa gara namaatti, turtii yeroo isaarratti hundaa’uudhaan garaagarummaa qaba. Akka walii galaatti mallattoon dhukkubichaa kanneen armaan gadiiti:
● Dafqisiisuu, miira beelaa qabaachuu, miira dhiphachuu, qaamni diilallaa’uu.
● Yoo hatattamaan hin yaalamiin mallattoowwan armaan gadii agarsiisuu danda’a:
-Dadhabbii guddaa, deemuu dadhabuu, dhahannaan onnee dabaluu, qaamni hadooduu, ijji sirriitti arguu dadhabuu, gaggabdoo, hamma lubbuu dabarsuutti geessisuu danda’a.
******************************
AKKAMIIN OFIRRAA ITTISUUN DANDA’AMA?
● Wantoota dhukkuba kana nutti fiduu danda’an kanneen armaan olitti caqasaman irraa of qusachuu.
● Warreen dhukkuba sukkaaraa qabdaniif ammoo, qoricha haala doctoriin ajajeen fudhachuu fi hanga sukkaara qaama keessanii yeroo yerootti safarsiisuun barbaachisaadha.
******************************
AKKAMIIN YAALUUN DANDA’AMA?
Yoo nama dhibee kanaan miidhame karaarrattis haa ta’u manatti argine tarkaanfiiwwan armaan gadii hatattamaan fudhachuu qabna.
● Juusii ykn dhugaatii lallaafaa burcuqqoo walakkaa obaasaa.
● Sukkaara fal’aana tokko nyaachisuu.
● Damma fal’aana tokko nyaachisuu.
● Karameellaa 6 hanga 8 nyaachisuu
Kanneen armaan olitti eeraman keessaa kan yeroo sana naannoo keesanitti argamu tokko qofa kenninaan gahaadha.
******************************
Hubachiisa: Erga kana kennineef booda hatattamaan gara mana yaalaa geessuun barbaachisaadha.
******************************
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the practice
Telephone
Address
Harerge