Alhayat
alhayat light of any peoples feellings.
23/02/2026
Qonnaan bultoonni Jimaa yokan caatii irratti keemikaalli summii hamaa qabu! Biifaa jiru! Keemikaalonni kun gariin isaanii kan akka addunyaatti itti fayyadamni isaanii dhoorakaman kan akka DDT, Diazinon, Profenofos fi kkf jimaan akka dafee guddatu yokan marguuf jecha itti biifama kunis tiruu dabalatee fayyaa walii galaa dadhabsiisuun miidhaa guddaa qaba!.
Namni Vaayireesii kana qabu caatii jimaa qaamuun Tiruu isaa ni dadhaba, faayidaan qorichaa ni fashalaa'a dandeettii ittisa qaamaa ni dadhaba, qaamni isaa vaayirasichaan akka injafatamu Taasisii baayyina Vaayireesii Viralodii isaa Saffisaan ol dabala kunis dhukkubsataa irratti:
๐ Carraa vaayrasii kun gara madaayuu tiruu sirroosii tti guddachuu dachaa 3n dabalaa deema.
๐ Carraa Kaansarii Tiruu (HCC)n Qabamuu dachaa 5nii ol dabala.
๐Carraa Tiruu hojii dhaabuu yokan (Liver failure) dachaa lamaan guddisa.
Namni Vaayireesii Tiruu Hepatitis B qabu yoo jimaa keemikaalota miidhaa fayyaa qaban kanneen kana fayyadama yoo ta'e ofiin of ajjee"saa jiraachuu isaa beekuu qaba!.
Akkasumas jimaan faayidaa qorichoota hirrisa, Keemikaalonni jimaa kun inzaayimoota tiruu meetaabolii qorichaaf itti gaafatamummaa qaban kan akka (Cytochrome P450) gidduu seenuun buโa qabeessummaa qoricha farra vaayirasii laaffisuun summii isaanii akka dabalu taasisa Kunis fayyaa tiruu dadhabsiisa carraa Vaayirasiin kun gara sadarkaa hamaa kan akka akka Kaansarii Tiruutti ce'uuf qabu ni guddisa.
Jimaan qulqullina qabuu fi keemikaalota irraa bilisa ta'e yoo hanga baayyee xiqqaa ta'een fudhatame, kallattiin tiruu yokan kalee fayyaa qabu Irratti miidhaa hama hin qabu!
Garuu yeroo kana oomishtoonni jimaa akka inni saffisaan margu yokan guddatuuf jecha keemikaalaa fi Qorichoota adda addaa itti biifaa jiru! Kunis Tiruu dhukkubsataa tokkoof balaa lubbuu galaafachuu danda'u kan fidu yoo ta'u! Akkasumas Tiruu fayyaa qabu irrattis miidhaa fayyaa hamaa geessisa!.
Jimaa keemikaalli irratti biifame fayyadamuun Summii cimaa qaama namaa keessatti Uuma
Summiin kuniis Yeroo qaama namaa keessatti kuufame dhukkuboota Ciccimoo Yeroo dheeraa (Chronic Diseases) nama saaxila! Tiruu fi kalee irratti miidhaa guddaa Uuma, dhukkuba Vaayireesii Tiruu nama irratti hammeessa. Carraa dhukkuba kaansariin qabamuu yokan (Cancer Risks) guddisaa!
Hakiimonni Tiruu Hepatologistoonni fi qorattoonni dhukkubsattoota dhukkuba tiruu B yeroo dheeraa qaban irratti balaa dabalataa olaanaa waan fiduuf guutummaatti jimaa irraa fagaachuu akka qabanu irratti walii galu. Miidhaan isaa Tiruu dadhabsiisuu qofa osoo hin taane, adeemsa wal'aansaa fashaleessuu fi carraa gara cirrhosis ykn kaansariitti ce'uu ni dabala.
Namoonni fayyaan caatii/jimaa yeroo fayyadamtan keemikaala irraa bilisa ta'ee hanga baayyee xiqqaan fayyadamuu qabdu! Akkasumas nyaataa fi soorata adda addaa sirnaan fayyadamuu qabdu.
Dhukkubsattoonni caatii irraa guutummaatti of qusachuu fi nyaata madaalawaa pirootiinii biqiltootaa fi antioksidaantii uumamaa kan akka abukaadoo, hirdii yokan turmeric, qullubbii adii yokan garlic, fi waan damma baayyinaan akka nyaatan gorfama.
Namoonni baay'een yeroo caatiin miidhaa qaba jedhamu! Dhugaatii Alkoolii wayyaaree? Jedhanii gaaffii diddaa dhiyeessu!.
Dhiibbaa dhiigaatii alkoolii fi caatii tiruu rratti qabu wal bira qabuun yoo ilaalle, qorannoon alkooliin caalaatti summii akka qabu mirkaneessa, dhugaatii Alkoolii dafee miidhaa saffisaan geessisuun kan beekkamu yoo ta'u, ha ta'uu garuu kana jechuun caatiin miidhaa irraa qulqulluudha jechuu miti.
Miidhaan jimaa dhokataa callisaa dha, Yeroo dheeraaf itti fayyadamuudhaan miidhaan isaa suuta suutaan caasaa tiruu fi seelii tiruu suuta suutaan balleessa
Summiin isaa kuufamee dhuma irratti miidhaan isaa dhugaati alkaalii wajjiin walfakkaataadha.
Namoonni yeroo dheeraa jimaa keemikaala biifame nyaatan qorannoo tiruu (Liver Screening) fi qorannoo kalee (Kidney test) raawwachuu qabdu!.
Rakkoo kana furuuf Mootummaan fi dhaabbileen fayyaa talaallii Hepatitis B yeroo yeroon naannoo sanatti akka argamu taasisuu qabu.
Nafsee kee mohachuuf waan gootu dhageefadhu mee.
20/08/2025
Wow akkam bareeda
29/11/2024
Alhamdulillah
Yaa Allaah
Can akkas tahuu feetu ilaalime!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Contact the business
Telephone
Website
Address
Opening Hours
| Friday | 09:00 - 17:00 |
| Saturday | 09:00 - 17:00 |
| Sunday | 09:00 - 17:00 |