Gamachu Anbasse

Gamachu Anbasse

Share

Contact me for necessary inspirational speech!

01/10/2025

Yaadachiisa kifilii
Naaf kennii qofa osoo hin taane narraa fuudhi jennee kadhachuunis kadhata sirriidha.

Kadhannaa hubannaa malee kadhatamuuf itti gaafatamaan waaqa miti.
Amalli namni hunduu ittiin beekamu keessaa inni guddaan ofittummaadha. Kanaafuu yeroo baay'ee waanuma hin qabne argachuuf kadhanna. Garuu waan qabnu nurraa kaasiinis kadhannaa sirrii akka tahe yaadachuunis waan sirriidha.

Badhaadhina, kabaja, ulfina, eebba fi milkaa'ina qofa naaf kenni jedhanii kadhachuurra, kanneen eebbaa keenya qaban kan maxxantuu fi hootuu milkaa'ina keenyaa tahan amaloota badoo qabnu kanneen akka hariiroo dhukkubsataa namootaa fi saala faalla waliinii, dhibaa'ummaa, hiriyyaa gadhee fi kkf akka nurraa kaasuuf kadhachuun akkasumas immoo yoo nurraa kaaseera tahes galateffachuun abshaalummaadha.

Kan nuti bakka ta'uu fi ga'uu qabnu hin geenyeef sababa waa dhabneef utuu hin taane sababa waan qabnu rogaan fayyadamuu dhabneefi waantota badoo qabnurraa adda bahuu dadhabneefidha.

Kan nama nyaatu nu keessa jira kan jedhameefis kanaafi. Isa qabnu properly yoo fayyadamnee fi isa nu qaberraa yoo adda baane gaariidha. Isa nu barbaachiisu argachuuf kadhachuunis daba hin qabu.

oolmaa gaarii!
Humanity first
Camera man Natan Dereje

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Nekemte?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Nekemte