BBS Media
BBS is an independent nonprofit and non partisan media organization based in USA and Canada.
10/24/2024
Sagantaan Kabaja Hundeeffama Waggaa 6ffaa Dhaabbata Kuraa-Galaan Kan Boru Jechuun Onkololeessa 24, 2024ti Sa’aati 8:00PM Akka Saudi Arabiyati Magaalaa Riyaaditti Gaggeeffamuuf Taa'uu Kun 'Live' Fuula BBS'tin Kan Dabru Taha.
BBS: Lammiileen Oromoo Baqattummaan Biyya Somaaliyaa Naannawa Geedoo keessa jiraatan maal keessa jiru?
12/19/2023
BBS: Oduu Gaddaa:
Ulamaan Guddaan Amantii Islaamaa Sheek Muktaar Abdallaa Aakhiraman.
Sh/Muktaar Abdallaa, Sheeka Sheekkotaa je'amuun kan Beekkamu,Hayyuu fi barsiisaa Amantii Islaamaa tahuun Baha Oromiyaatti Seenaa Jabaa hojjatanii jiru.
Bara 1960 Ona Carcar Biyyoo Karaabatti Kan dhalatan Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Sadarkaa Duraa Abbaa isaanii irratti akka barataniiifi San booda Sheekkota heddurraa akka baratan Gaafa lubbuun jiran himanii jiru.
Sheek Muktaar Abdallaa, Barnoota Amantii Islaamaa Biyya Teenya irraa Jalqabee Hanga Biyya Saudi Arabiyaa, Madiinatti Universitii Islaamiyaa(Jaami'atul Islaamiyaa) irraa Mastarsiin eebbifamutti barnoota isaanii kan hordofan yeroo tahu, Tajaajila Barnoota Ol'aanoo Biyya Sauditti erga kenneen booda, Ummata Isaa Tajaajiluuf gara Oromiyaa galuun Seenaa jabaa hojjate.
Aalimni Guddaan Amantii islaamaa kun, Waggoota Dheeraa dura erga gara biyyaa galee booda, Godina Harargee Lixaa Aanaalee gara garaa Keessatti, Amantiin Islaamaa akka babal'attuuf, Madrasaalee Barnootaa Baay'een akka ijaaramanii Barnoota jalqaban taasisee jira.
Ulamaan Guddaan kun bakkoota gahan hundatti bu'uura Diinii lafa kaayuun kan beekkaman yeroo tahu, Akka fakkeenyatti,
Naannawa Dhaloota Isaa Ona Carcar keessatti bu'uuraalee Diin Islaamaa kan ta'an,
Madrasaa galamsoo, Madrasaa Magaalaa Deefoo,
Madrasaa Magaalaa Balballeettii,
Madrasaa Magaalaa Machaaraa,
Madrasaa Magaalaa Kotoraa,
Madrassaa Magaalaa Birbirtii fi Kanneen biraatis bu'ureessuu Seenaan isaanii ni himu.
Kana males, Sheek Muktaar Abdallaa, Waahiloota isaa waliin tahuun, Godina Harargee Lixaa Keessatti,
Jaarmaya jijjiiramaa kan mana marii Dhimmoota islaamummaa keessattis ulamoota Baadiyyaa fii Magaalaa irraa ijaaruun sochii cimaa kan godhaa ture tahuun ni beekkama.
Sheek Muktaar, yeroo dheeraaf amantii Islaamaa barsiisaa,kan turan yeroo ta'an, Wiixata kaleessaa Muddee 18 bara 2023 barattootaa barsiisaa olanii galgala irratti tasa Aanaa Habroo Birbirtiitti boqachuun isaanii dhagahame.
Sirni Awwaalcha Isaanii Guyyaa Har'aa Iddoo Itti Boqatan Birbirtii tti Muddee 19,2023 Raawwatamaa akka jiru, Namoota Naannicha jiran irraa BBS odeeffatee jira.
Sirni Awwaalchaa Silaa kan yeroodhaan Raawwatamu, Sababa Keessummoonni Biyyoota Alaa, Biyya keessaa Magaalaalee akka,Fiinfinnee, Adaamaa, Dirree Dhawaa fi Harar irraa dhufaa jiraniif hanga ammaa harkifachuu Namni yaada nuuf kenne himee jira.
Hordoftoota BBS : Seenaa Sheek Muktaar Abdallaa Guutuu isaa Akkuma arganneen Kan isin biraan geenyu taha.
Sheek Muktaar Abdallaa Rabbiin Jannataan Haa qananiisu,
Firaafi Maatii akkasuma Hawaasa Muslimaa kan Du'a isaanitiin Gaddi itti dhagahameef jajjabina Hawwina.
12/11/2023
BBS :Oduu Ammee; Obbo Taayyee Danda'aan aangoo irraa kaafamuun barame.
Obbo Taayyee Danda'aa Xalayaa Waajjira MM irraa barreeffameen Aangoo irraa kaafame.
Akka Barreeffama Xalayicharraa mul'atutti, Fulbaana 2014 irraa kaasee Deetaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa har'a Muddee 1 irraa kaasee aangoo irraa kaafamuu xalayaa Waajjira MM Abiy Ahimad irraa barreeffame.
Xalayichi Obbo Taayyee Danda'aa Bira ga'uu BBCn Mirkaneeffachuu gabaase.
Obbo Taayyeen tibbana marii marsaa lamaan Itoophiyaa fi Jiddutti Taanzaaniyaa Daarussalaamitti gaggeeffamaa ture akka fashalaa'uu kan godhe "mootummaa ani keessa jiru" jechuun qeequun isaanii ni yaadatama.
Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu isaanii ilaalchisee barreeffama gabaabaa fuula feesbuukii isaanirratti maxxansaniin, "Kabajamoo Ministeera Muummee yaada Ida’amuu dubbattee fi barreessite amanee isin hordofe, dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe," je'e.
Kana males, "gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachisee, fi diinagdee biyyaa kuffise gaggeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada," jechuun barreesse.
Obbo Taayyeen xalayaa aangoo irraa kaafamuu isaan qaqqabuu fi Paartii Badhaadhinaa fi bulchiinsa MM qeequun fuula Feesbuukii isaanii irratti kan barreesanis matuma isaa tahuu BBCf mirkaneessuun gabaafamee jira.
Tarkaanfii Obbo Taayyee Danda'aa irratti Fudhatame kun, Kan Aangoo irraa Kaasuun ala Hanga ammatti wanti biraa hin dhagahamne.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
4545 45 Street SW
Calgary, AB
T3E3W3