JABO

JABO

Share

Page kun maaddii beekumsaati! Itti dhiyaadhaa!

05/25/2025

/CANCALA NATTI KAA’I
Miira hunkurameen, ija mararfannaan ilaalee
“Sansalata natti kaa’i,” jedhee mucichi.
Ganama tokko abbaan ilma isaatiin "Ka'i! fuula keefi ilkaan kee dhiqadhu! rifeensa kee sirreeffadhu! Uffata kees uffadhu… dafi mana barumsaa deemuudhaaf dafi!" Jedhe.
Anis hojii deemaa waan jiruuf "Yeroon ciree siif kennu hin qabu! Juice kee fudhadhu garuu akka of jalaa hin dhangalaasne!" Jedhe.
Gurbaan callisee ija isaa keessa ilaale malee homaa hindubbanne!
Ammas itti fufee "Maal kun! Maal callistee na ilaalta? Maaliif sagaleekoo akka bishaanii dhugda! Dafii waanan sitti hime raawwadhu, gurbaanana ati gonkumaa waan sirriitti hin jirtu!" Jedhee saagalee jajjabaa itti dubbate.

Mucaan waan ajajame gochuu malee homaa hin dubbanne.
“Abbaa” jechuuf illee carraa hinarganne… ni sodaate.

Mana barumsaattis akka barattoota biroo ga’umsa agarsiisuu hindandeenye ture. Barataa hamilee hinqabne akka ta’etti beekama.
Yeroo hunda yaadaa bada. Yeroo hunda nama gaddisiisa.
Ijoollee gammadanii taphatan ilaalee hawwa, isaan maaliif gammadu? Maaltu isaan gammachiisa jedhee yaada ture... inni akka ijoollee hiriyyoota isaa gammaduu hindandeenye.

Har’a garuu ija jabina takkaa qabaatee hinbeekneen garuu lafa ilaalee abbaa isaatiin;
“Kaleessa barsiisaan koo, ‘Abbaan kee maal hojjeta?’ jedhee na gaafate, ani immoo maal jedhee akkan deebisun dhabee ture...” jedhe
"Sarootan leenjisa, saroora leenjisa jedhii itti himi" jedhee deebiseef.
Amma illee abbaa isaa utuu hinilaaliin;
“Maal isaan barsiifta?” jedhee sagalee laafaatiin gaafate.
"Abboomamuuf, akkamitti akka namas mansa eegan. Namoota jaamaa akkamitti akka karaatti agarsiisa . Akkamitti akka lubbuu baraaran, Obsa, cimina, amanamummaa… kana hundaa raawwachuun isaan barsiisa" jedhe.

Mucichi dabalee "Akkamitti isaan leenjifta?" Jedhe.
"Sansalata xiqqoo qofan isaan irra kaa'a. Isaan cinaan deema, tasgabbiinan dubbadha, osoon hin miidhiinan sirreessa, achiis jaalala isaanitti agarsiisa, akka hin aarreef ofii koos aarii irraa walaba ta’een Isaan barsiisa. Garuu obsa barbaada... obsa guddaa." Jedhe.

Mucaan gorora liqimse. Ijja isaa keessaa imimmaantu dhangala'e. Abbaa isaa ilaalee sagalee garaa nama nyaatuun akkas jedhe:
“Akkaa taanaan sansalata sanas narra kaa’i Abbaa.
Saroota sana waliin barachuun barbaada.
Osoo hin iyyiin na sirreessi, akkuma saroota cinaa adeemtee waan gaarii baraiistu na cinaa adeemi na barsiisi, tasgabbiin natti dubbadhu, osoon hinmiidhamiin na sirreessi, jaalalas natti agarsiisi, aarii irraa walaba ta’ii natti dubbadhu, akkuma saroota sanaaf obsitu maafis onsi, na hammadhuutii jaalala abbummaa naaf kenni.
Yeros ani mana keenya nan eega. Namoota biroo kunuunsuu sirraan nan baradha. Gaaf tokko... ija kee yoo dhabde immoo,… Ija kee siifan ta’a. Har’a Qofa... tole jedhii sansalata natti kaa’i.” Jedhee morma isaa itti qabe.

Abbaan imimmaan maddii isaarra dhangalaasee boo’e. Jaalala guddaatiin ilma isaa ofitti hammate.
Hammachuu sana keessattis sansalatni gosti haaraan uumame, Kan ijaan hin mul’anne, sansalata jaalalaa, obsaa fi gara laafina irraa kan hojjetame.
Kan yoo jaallatame gonkumaa hin cabne…. SANSALATA JAALALAA!

: ijoolleen keenya yeroo, kunuunsa, fi garraamummaa dhugaa nurraa barbaadu.❤️
👉Jaalalli ni odeeffama utuu hinta’iin ni agarsiifama!
irraa barattan abdiin qaba!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Edmonton?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


To Edmonton
Edmonton, AB
T5K 0S9