Dagaa media Network

Dagaa media Network

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dagaa media Network, Media/News Company, المعتلا, Belgrade.

30/05/2022

Isaanif Nuyi
=====================================
Mooraa qabsoo Oromoo keessattii “Isaanif Nuyi” wanti jedhamu uumamuun isaa heedduu nama naasisa! Erga uumameeti immoo yaada walii fi karaa walii kabajuun maaf bade? Jibbaa fi duulli nuti diina isa guyyuu nu fixaa jiruuf(Bilxiginnaa) qabnu caala jibbaa fi duula walirratti goonuutu baayyachaa dhufe.

Akkasitti itt fufnaan guyyoonni Oromiyaan itti boossu, guyyoonni dhiigi itti dhangala’u, guyyoonni qotee bulaan oromoo namaan qotu, guyyoonni uummannni keenya gabrummaa keessa jiraatu dabalaa dhufa! Jibbiinsi fi duullii walirratti goonu rakkina keenya nurratti tursaa deema!

Wal haa kabajnu! Gaafa rakkoo walirratti arginuu wal sirreessuuf wal haa qeeqnu! Warri qeeqamnus qeeqa sirrii yoo ta’e haa fudhannu! Obbolaan yoo walitti duulaani fi wal jibbani ormatu isaan salphisa malee bu’aan obbolaaf hafu tokko hin jiru! Nagaa walii laannee isa Oromiyaa nagaa dhowwate haa buqqifnu!

Want your business to be the top-listed Media Company in Belgrade?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


المعتلا
Belgrade