Darunaim Multimedia

Darunaim Multimedia

Share

DAANDII MUSLIMTOOTAA

18/06/2026

KUTAA 5ffaa & Xumuraa
SEENAA ERGAMAA SAALIHI FI GAALA ALLAHAA:
๐—ฉ๐—ถ๐—ฑ๐—ฒ๐—ผ ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป ๐—น๐—ถ๐—ป๐—ธ ๐—–๐—ผ๐—บ๐—บ๐—ฒ๐—ป๐˜ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ

Guyyaa 3ffaa (Sanbata): Fuulli isaanii gurraacha dinkataa (black) taโ€™e; akka waan halkan dukkanaa uffataniitti. Manneen isaanii keessa cal'isni fi eeggannaan guutee taa'an. Kafana isaanii qopheessanii duโ€™a eeggatan. Adabni eessaa akka dhufu fi akkamitti akka taโ€™u hin beekan turan.

Guyyoonni sadan ni dhumatan. Fajrii guyyaa afraffaa (Dilbata) irratti, uummata Samuud kanneen manneen isaanii keessatti kukkufanii xumura eeggachaa jiran irratti aduun baatee laftis bariite. Cal'isni guutuun sulula sana marsee ture.
Battalatti ajajni Allahaa ni dhufe. Innis 'ุงู„ุตูŠุญุฉ' (Iyya) tokko qofa ture. Iyya samii irraa dhufe, sagalee sodaachisaa fi dandeettii namaati ol taโ€™e, daangaa dandeytii ilma namaa kan darbe. Sagaleen sun onnee isaanii tarsaasee, miira isaanii bakkaa buqqise. Iyyi samii irraa dhufe kun kirkira lafaa jabaa uume. Lafti miila isaanii jalatti socho'uu jalqabde, samiin immoo gubbaa isaaniitiin isaanitti iyyite.
SUBHANALLAH!

daqiiqaa muraasa keessatti, Ummanni jajjaboon namni humnaan nu caalu dachii irra hin jiru jechaa turan suni hundi gara raqa duโ€™aatti jijjiiraman; manneen isaanii keessatti kukkufanii hafan. Bakka qubatanitti duโ€™an; eenyuyyuu tarkaanfii tokko deemuu ykn jecha tokko dubbachuu hin dandeenye. Namni dhaabbatee ture akkuma dhaabbatetti du'e, namni taaโ€™ee tures akkuma taaโ€™etti duโ€™e. Lubbuun hundi ni badde, sochiin hundi ni cal'ise; akka waan kanaan dura namni tokko keessa hin jiraanneetti magaalan guutuun cal jedhe.

Goolaba fi Fakkeenya Bara Baraa
Seenaan uummata Samuudโ€” kan uummata gaarreen bocanii keessa jiraatanii, Ergamaa isaanii mormanii, fi gaala Allahaa qalaniiโ€”bifa kanaan xumurame. Allahaan rahmata Isaatiin Saalihi fi warra isa waliin amanan ni baase; Saalih erga ummanni isaa badanii booda, reeffa uummata isaa dura dhaabbatee, bifa gaddaa fi fakkeenya qabuun akkana jedhee isaanitti dubbate: "Yaa uummata koo, ani ergaa Gooftaa koo isiniin gaโ€™ee jira, isiniifis gorsa kenneera, garuu isin warra gorsitoota jaallattan hin taane." Isaaniin jedhe. Jechoonni kun onnee Ergamaa uummata isaa jaallatu, kan milkaa'ina isaanii barbaadu keessaa kan baheedha; garuu isaan qajeelumma irra doofummaa filatan.

Hanga har'a bara keenyaa kanattis mallattoowwan ummata sanaa sun ni jiru; magaalota duwwaa, qabriiwwan dhagaa keessaa, fi fakkiiwwan gara garaa uummata guddaa cubbuun isaanii isaan balleesse irratti ragaa baโ€™an, harโ€™as ni mulโ€™atu. Har'a garuu buโ€™aa turizimii qofaaf daawwatama. Garuu Kun mudannoo tuurizimii qofa miti; kun barumsa bara baraa nama iddoo sana bira darbu hundaafi.

Barumsi sunis akkana jedha: "Humni tokko qabeenyaa (material power) hamma fedhe yoo qabaate, Allahaa duratti waan tokko isa hin fayyadu. Dinqiin Allahaas taphaaf miti, muโ€™ujizaan ragaa Allahaa isa dhumaati." Dhagaan dhoohee gaala dhale sun, gaalli ajjeefamte suni fi iyya hammaa sanaan baduun sun hundi kutaalee mormii bara baraa kan Iimaanaa fi Kufrii gidduu, kan Tasgabbii fi Boona gidduu jiruuf waan deebii tahuudha. Mudannoon kun yeroo hunda kan nu yaadachiisu: "Adabni Allahaa baay'ee jabaadha; Inni yeroo kenna malee hin dagatu." Mee namni herregatu jiraa? Namni barumsa irraa fudhatu jiraa?

Badiin Boonaa fi quufa daangaa dabreen dhufu hundi ni bada, hojiin gaariin dhalootaaf hojjatame garuu ni hafa; cal'isni rabbiin warra ganda 'Waadii Al-Hijr' keessa jiran calโ€™isiise suni, dhalootaaf, seenaa gaalattii sanaa fi dinqii rabbiin isaan irratti hojjate himaa hafa. Bifa kanaan seenaan uummata samuud warra dandeetti rabbii gaafatuuf mallattoo taโ€™ee hafe.

Allahaan gabricha isaa Saalihiif rahmata haa godhu, jallattoota irratti immoo abaarsi haa ta'u. Galanni hundi kan Allahaa Gooftaa aalamaati. Video'n yoo isinitti tole like gochuu hin dagatinaa. Allaahummasalli_wasallim_alaa_sayyidina_muhaammad.

๐“‘๐“ช๐“ป๐“ป๐“ฎ๐“ฎ๐“ผ๐“ผ๐“ช๐“ช๐“ท: ๐‘ฐ๐’ƒ๐’ ๐‘จ๐’‰๐’Ž๐’†๐’…
๐”ป๐”ธโ„๐•Œโ„•๐”ธ๐•€๐•„ ๐•„๐•Œ๐•ƒ๐•‹๐•€๐•„๐”ผ๐”ป๐•€๐”ธ

14/06/2026

KUTAA 4ffaa
๐—ฉ๐—ถ๐—ฑ๐—ฒ๐—ผ ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป ๐—น๐—ถ๐—ป๐—ธ ๐—–๐—ผ๐—บ๐—บ๐—ฒ๐—ป๐˜ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ
..Amma dubbichi sobsiisuu qofa hin turre; gara haaloo baโ€™uutti jijjiirame, ragaa addaa sana dachee irraa balleessanii onnee isaanii ishee duute boqochiisuuf shira xaxuu jalqaban.

Magaalattii sana keessa namoota sagal kanneen hammeenya fi badii qopheessan, geggeessitoota hammeenyaa ta'antu jiru turan. Quraanni akkas jedhee isaan ibsa: "Magaalattii keessa namoota sagal kanneen dachee irratti badii babalโ€™isuu malee hojii gaarii hin hojjanneetu jiru turan" jedhee isaan ibsa.

Namoonni saglan kun walitti qabamanii yakka dachee fi samiin irratti sosoottu irratti waliif galan. Gaalattii ajjeesuuf murteessan; ragaa allaahaa guddaa sana balleessuuf kaโ€™an. Garuu eenyutu ija jabaatee hojii jibbisiisaa kana raawwata? Eenyutu onnee dhagaa caalaa jabaatu qabaatee gaala Allahaa sana qala laata?

Uummata sana keessaa nama hunda caalaa jallataa taโ€™e barbaradan; innis 'Qudaar ibn Saalif' ture. Inni nama diimaa, ija cuquliisaa, gabaabaa, nama hamaa fi uummata isaa keessatti kabajamaa kan ture yoo taโ€™u, onnee duโ€™aa fi jallataa qaba ture. Qabeenyaan, dubartootaan fi kabajaan isa gowwoomsan; gaala kanarraa uummata Samuud kan walaboomsu goota akka keetii qofa jedhanii jajjabeessan.

Ajjeefamuu Gaalattii
Guyyaa gaafa tokkoo, gareen hammeenyaa kun gaalattii bishaan dhuguuf karaa deemaa jirtu irratti daheeffatan. Gaalattiin nagaa fi tasgabbii guutuun ilmoo ishee xiqqoo waliin baatee imala irra jirti; bineensonni miila lama qaban ishee eeggachaa akka jiran hin beekne turte. Qudaar ibn Saalif fi gargaaraan isaa Musda'a ibn Muharrij goda hammeenyaa keessa qubatanii seeyfii fi eeboo akkasumas xiyya isaanii qopheeffatanii eeguu jalqaban. Tokkoon isaanii xiyyaan lafee ishee irra waraane; gaalattiin ni kufte, humni ishees dadhabee sosso'uu dadhabde. Asitti namni hunda caalaa jallate Qudaar, ija jabummaa fi hammeenya guutuun goraadeen dhahee ishee qale. Muโ€™ujizaan dhagaa keessaa baate uummata qajeelchuuf dhufte sun dhiiga isheetiin faalamtee lafatti kufte; harka isaanii isa yakkaatiin ishee ajjeesan.

Ilmoon xiqqoon yeroo haati ishee qalamtu argite suni, Isheen sodaan guutamtee baqattee gara gaara ol-aanaatti baate. Sagalee gaddisiisaa addaan cite yeroo sadii (3) dhageessifte; akka waan miidhaa ummata sanaa Gooftaa isheetti himattuutti. Akka gabaasni seenaalee gariin himuutti, Ergasii dhagaa haati ishee keessaa baate sana keessa lixxe; ykn ammo akkuma gabaasni gariin jedhutti, ishees hordofanii ajjeesan.

Yakka isaaniitiif ragaa tokkoyyuu hin dhiifne. Magaalattii keessatti oduun gaalattiin ajjeefamtee jirti jedhu ni babalโ€™ate: "Gaalattiin ajjeefamteetti!" Ajjeefamuu isheetiin gaabbiin isaan qabatee laata? Sodaatanii? Lakki! Inumaayyuu Gammachuun lallabaa fi ililchaa bahan, akka waan injifannoo guddaa galmeessaniitti. Foon ishee qooddatanii nyaatan, daangaa Allahaa irratti ija jabaatan.

Ergamaan Rabbii nabi Saalihi (Alayhi Salaam) yeroo dhufee dhiiga fi gaala qalamte sana argu, booโ€™ee onneen isaa gubatte: "Maal hojjattan? Ani isin hin akeekkachiifnee?" Isaaniin jedhe. Isaan garuu dhiifama gaafachuu mannaa, ija jabummaa kanaan dura argamee hin beekneen lammata isa morman: "Yaa Saalihi, yoo dhuguma ergamtoota keessaa taate, waan nu sodachisaa turte sana nuuf fidi" jedhan. Saalihi ija nagaa dhaammannaa xumuraatiin isaan ilaale; ija nama badii dhufaa jiru ijaan arguutiin.

Innis jechoota murteessoo fi sodaachisoo shakkii fi deebii hin qabneen akkana isaaniin jedhe: "Manneen keessan keessatti guyyaa sadii (3) qofa gammadaa; kun waadaa soba hin taaneedha." Guyyaa sadii qofa! Kun yeroo dhiifamaa hin turre, sababiin isaa yeroon ishee dabarteetti; garuu yeroo sodaa fi eeggannaati.

Adaba Dhumaa fi ุงู„ุตูŠุญุฉ (Iyya Jabaa)
Guyyoota lakkaaโ€™uun ni jalqabe.
โ— Guyyaa 1ffaa (Kamisa): Uummati yeroo hirribaa kaโ€™an, fuulli isaanii guutummaatti gara keelloo (yellow) taโ€™eera; akka waan zafraanaan dibameetti. Sodaan onnee isaanii seene; waadaan Saalihi dhugoomuu akka jalqabe beekan, garuu boonni isaanii harka kennachuu dhowwate. "Kun guyyaa jalqabaati" jedhan.

โ— Guyyaa 2ffaa (Jimaata): Fuulli isaanii adii ykn keelloo irraa gara diimaa jabaatti (red) jijjiirame; akka waan dhiiga dibamaniitti. Sodaan ni dachaaโ€™e, badiin dhiyaachuu isaa mirkaneeffatan. Ija isaanii dhiphisuun duโ€™a eeggachaa deeman. Taโ€™us hin jilbeeffanne, dhiifamas hin gaafanne.

๐“‘๐“ช๐“ป๐“ป๐“ฎ๐“ฎ๐“ผ๐“ผ๐“ช๐“ช๐“ท: ๐‘ฐ๐’ƒ๐’ ๐‘จ๐’‰๐’Ž๐’†๐’…
๐”ป๐”ธโ„๐•Œโ„•๐”ธ๐•€๐•„ ๐•„๐•Œ๐•ƒ๐•‹๐•€๐•„๐”ผ๐”ป๐•€๐”ธ

05/06/2026

...Sana qofaan hin dhaabbanne; ulaagaalee gadi fageenya qaban gaalattii irratti kaayan: gaala rimeessa jiโ€™a kurnaffaa irratti jirtu, rifeensaa baay'ee kan qabdu, guddittii, fi kan ija namootaa gammachiistuu akka taatu isa gaafatan. Isaan akka isaaniitti yaada namaatiin waan hin dandaโ€™amne gaafatan; akkamitti wanti jiru wanta duโ€™aa keessaa baha? Akkamitti dhagaan gogaan dhiiga fi lubbuu hin qabne gara fooni fi dhiigaa jijjiiramee jireenya godhata?

Saalihi ija rahmataatiin isaan ilaalee: "Waan na gaafattan yoo isiniif fide, fi waan barbaaddan yoo isiniif kenne, waan ani kanaan dhufe ni amantuu? Na dhugoomsituu?" jedhe isaan gaafate.
Isaniis sagalee tokkoon: "Eeyyee" jedhan. Saalihi isaanirraa waadaa fi kakuu jabaa fudhate. Saalihi (Alayhi Salaam) gara bakka salaataa isaatti kaโ€™ee, Gooftaa kabajamaa Allaaha duratti sujuudaa fi kadhannaan dhaabbate. Onnee qulqulluu fi cabdeen, Allahaan dinqii isaa akka agarsiisu, dubbii isaa akka dhugoomsu, fi falmii mormitoota kanaa akka cabsu kadhate.

DHALOOTA GAALATTII FI ADABA BISHAANII
Hunda ilma namaa Sulula sana keessa jiruu cal'isni isaan dhuunfate. Ijji hundi gara dhagaa qulqulluu sana ilaalaa turan. Ilmi namaa naannoo sana guutee eeguu jalqabe;
Yeroo kana Battalatti wanti hin yaadamin tokko dhalate. Lafti miila isaanii jalatti sochoโ€™uu eegalte. ergasii dhagaa sana keessaa sagaleen miixuu ykn gaalli yeroo dhalu dhageessisu dhagaโ€™amuu jalqabe. Dhagaan sun dhoohee keessa isaati bishaan fi dhoqqee keessaa gaalli baate. Abjuudhaan ykn falfala osoo hin taane; gaala dhugaa, uumama guddinna qabdu, akkuma isaan gaafatan rimeessa, fi rifeensaa kan isaan ulaagaa kaayan qabdu ture. Gaalattiin dhagaa keessaa baate, rifeensa ishee irra dhoqqee keessaa baatetu jira, dandeettii Uumaa tokkicha allaahaa agarsiisaa ija isaanii duratti sosoote.

Uummanni dinqii rifachiisaa sana irraan kan ka'e gara duubatti dheessan. Dhagaan gara foonitti jijjiiramuu argani hedduu ajaaโ€™ibsifatan. Kana booda amananii laata?...Guutuu seenaa kanaa comment irraa dubbisaa. Video isaas Channel YouTube Keenya Irraa ni argattu.

Want your place of worship to be the top-listed Place Of Worship in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Adama
1000