Finfinnee Posts

Finfinnee Posts

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Finfinnee Posts, Restaurant, Oromiyaa, Adama.

02/08/2024

Fiigicha meetira kuma 10 dhiirota gidduutti fiigameen Atileet Barrihuu Aragaawwii meedaaliyaa Meetii jalqabaa Itiyoophiyaaf argamsiisee jira.

02/08/2024

Hojjannan Akka Obbo Umar Huseen kanatti hannaa fi saamicha irraa bilisaa ta'aanii aangoo Ummanni amanee kenneef karaa haqaa qabeessa ta'een ittiin hojjatanni garee ijaarrachuu irraa bilisa ta'aanii shiraa ummataa nagaaf tasgabbii dhorku osoo hin xaxiin mana farsootii wasaasaa baatamanii gara manaatti galuun haraama ta'uu hubatanii gochoota jibisisoo akkanaa keessaa osoo hin cuubamin namuusaa geggeessumaa gaafatu hunda kabajaa saba ofii aantuumaa fi amanamummaa tajaajiluun ulfina gudda'dhaan goota akka obbo Umar quuqamaa sabaa qabu rabbii nuufi haa bayyisu.

Hoggansa akka isaanii imaanaa itti kennamee amanamummaan galmaan gahuuf carraaquu gara fuulduraatti jajjabeessuu qabu.isaa raaree hannaafi shiraa keessa seenee dhooqqee laaqaa jiru immoo araarama tokko malee ni saaxilla

12/07/2024

Abbaa galataa !!!!!
Baayeen gammade Baankii Coop Asallaa gamoo sitii moolii gad jiru ol aseene hanga dabareen nagahuutti ijjikoo gamoo ilaalee dubbiisa
Maqaa baankii,
Duudhaalee baankii ilaalee yoon itti aanu suuraa kana arge yeroo gabaabaa keessatti gammachuun addaa nakeessa faca e,suuraa kana kaasuu jedheen gaafadhe,ittuuma siiqeen kaase,maaf kaaftaan gaafiin naaf ka e,ani nama kabajamaa kanaaf jaalala addaan qaba sanaafan kaaseen jedhe gaafachuu dursee akka ture ibse,dhimmakoo xummuree gad bahe,
Baankichi akkaataa barruu kaa eef suuraa itti kaaye galata guddaa qaba,coop hunduu waan irraa baran jedheen ilaala,
Obboo Haayilee Gabree Qootee bulaan oromoo gamtaan akka dinagdee keessatti aangeeffamu itti yaadanii kan bu uureessaniidha,
Institiyuutii gamtaa Ardaayitaatti barsiisaa turan saayinsii,beekkuumsa qabaniin baankii qotee bulaa oromoo,oromiyaa hundeessanii abjuu ofii dhugoomsan,kana quuqamni,kana sabboonummaan,kana lammiin lammiif kan ooluu qabu,
Abbaa galataa kanaaf baankiin kuun suuraa isaa olkaasuun bakka isaaniif malu,namni koraa ittiin yaabbateefuu kabaja qaba,ogeeyyiin hoggantootni baankii duudhaaleen keessan keessaa,
Team work jedha isatu kana,
Abbaa kabaja maluuf kabaja kenniitaniif hundeessaa keessaniif obboo Haayilee qofaa miti ofkabajjan,
Obboo Haayileen abbaa nageenyaati imimmaan haarcaasantu galma Amboo dubbata nagayaaf jecha ana qalaan dhaamsa bara baraati arooreessa dhalootni yoomiyyuu yaadatu,
Kan Obboo Haayilee suuraa isaanii arginaan hin gammadne attam ta ee
Waan isaaniif haawwu,
Yoomiyyuu milkii,
Umrii bara baraa,
Fayyaa,
Qabeenya,
Gammachuun haawwaaf,
Quuqaa sammuu jalaa baatan boonaa jiraadhaa,aaga nuu haadhageessiisu !!!!!

07/07/2024

baga injifatte qaalii keenya ilmaa sabba.

👉Uummani Oromoo baay'ina isaatiin ilmoo Isaa Akka injifatu godhaa.
Baga injifatte Anwaar Jamaal

04/07/2024

Faalii Oromoon Qabu

Yoo Waliigalee Qofaa

Loolii Faala hin Ta'uu

Photos from Finfinnee Posts's post 30/06/2024

Sagantaa Badhaasa Hachalu Hundessa 3ffaarratti maal taajjabne!

1. Yeroo sagantaan walqabatee

Sagantaa Yaadannoo kanarratti hawaasni kutaa magaalaalee gara garaa irraa hirmaateera. Adaamaa irraa eegalee Bishooftuu fi Duukam, Sabbataa, Buraayyuu, Laga Xaafoo fi kkf magaalota Finfinneerraa fagoo jiran dabalatee hawaasa bal'aatu argame. Dura ni eegala kan jedhame sa'a 10:00tti ture. Sagantaan kan eegale garuu galgala sa'a 12:00 booda ture. Hundi dafee deemuus baatu warri achi ga'eyyuu warri achitti argames namni sagantaa eegalu dhabamnaan ala dhaabbatee kaameeraa kashakkashaa ture. Inni kaan viidiyoo Tiktok waraabbata. Booda sagantaan yeroo eegalu xiqqoo taa'ee hunduu gadi yaa'uu eegale. Akkaataan namni itti sagantaa walakkeessatti dhiisee gadi yaa'u yoo ilaallu Loon Bona bishaan dheebottee lagatti yaatu fakkaata. (Diriririrrrrrr). Inumaa dorgomaan tokko dorgommiidhaan injifatee badhaasaaf yeroo waamanu hin jiru. Bakka inni duraan ture yeroo ilaalan gadi ba'eera. Barbaadanii dhabani. Booda badhaasa sana namatti erganiif ta'ee akkam akka godhan hin beeku.

Warri saganticha hanga dhumaatti hordofe dafee eegaluu dhabuu isaatiin beelli bel isa godhee harki caalaan laafaa isaatu ba'e. Halkan sa'a 4:00 booda yeroo xumuramu namoonni taaksiidhaan fagootti galanu waan ittiin deeman dhabanii baay'ee rakkachaa turani. Kun gara fuulduraatti sirraa'uu qaba. Sagantaan dafee eegalee namuu gara mana mana isaatti kabajaan osoo deemee wayya.

2. Maatii Hacee
Yeroo mara waan gaaffii nutti ta'ee hafe, nama gaafannus, akka itti gaafannus dhabne waa'ee maatii Haceeti. Waggoota 3nuu sirna kanarratti hin argamne. Haati, Abbaa fi Obboleeyyan isaa hin jiran. Rakkoo kana nama gaafannus nama nutti himus dhabnee dhiisne.

3. Maatiin Namoota guyyaa Wareegama Hacee mormii fi haqa Hacee gaafachuuf manaa ba'anii hafanii, warri qaamaa miidhamee, Rasaasaan dha'amee hospitaala Ciisanii jiranii hin yaadatamne. Hin jajjabeeffamne. Silaa Hacee ta'ee... jenna waggaa waggaan. Kaayyoon Foundation kanaa mul'atHacaaluu itti fufsiisuu yoo ta'e namoota akkasii kutaalee biyyattii keessaa qoratanii, iyyaafatanii jajjabeessuu fi galateeffachuutu barbaachisa.

4.Hirmaattonni...
Kaleessas akkuma waggaa darbee saggaxaa ture biyyi. Harki caalaan Albamii Hacee eebbisiisuu waan deeme fa'a itti fakkaata. Maal illee ta'u miira gaafa shirrishirrii agarsiistu guyyaa akkanaa agarsiisuun sirra hin jiraatu. Namoota jaalattu gaafa argitu, namoota kabajjuun gaafa wal quunnamtu miirri gammachui sitti dhaga'amuun waanuma jiru. Garuu basaq gootee kolfaa suuraa kaatee, Viidiyoo waraabaa public irratti maxxansuun kee Ormillee akka nu taajjabu si godha. Warri Hacee ajjeeses kaayyoon isaanii waan galma ga'e itti fakkaatanii gammadu. Suusiin kaameeraa raasuu tasuma nu dhiisuu dide. Feemasii fi abbaa qabeenyaarratti wal caccabsuun michii irraa nu dha'e wallaalle.

Hoteelichi hoteela guddaa waan ta'eef , sagantichi sagantaa guddaa waan ta'eef uffata bakkichaan wal fakkaatu uffattee dhufuun waanuma jiru. Garuu keessa baatee uffannaa paa*tii fi fa*aara kee mul'isu, Qumxaa warra sanaa isa fakkaatu shamarran uffatanii dhufan hedduun isaanii warra gaafa manaa ba'anu "Award Hachalu deemnee sana booda Night club galla" jedhanii karoorfatanii manaa ba'anidha. Jarri sun guyyaab sanbata waan ta'eef , itti aansee dilbata waan ta'eef mana ciffaraatti ol utaalaa fi sukkuumamaa bulanii har'a rafaa ooluif warra karoorfatee manaa ba'edha malee Yaadannoo Haceef warra dhufe miti. Shamarran kelfee fi qelqellee dirqamaan qaama saalaa koobilaalaa, Paantii an uffadhe Color isaa ilaaluun "Made in" eessaa akka ta'e natti himaa jedhan akkasii likkii ishee itti himuu barbaachisa. Silaa maatiin hin bultuu warruma ishee waliin utaalutti himuudha. Shamarran qofa osoo hin taane Dhiironni shalleen tokko tokkos guutteetti. Beeksisa mana hodhaa fi daldala mana Huccuu hojjachuuf, Dizaayina Uffataa beeksisuuf yaa'anii waan dhufan kan fakkaatan.

Warri huccuu bareechee isin erga haa galatoomani. Hacee yaadattee galtee torban booda yoo beeksisteef maal qaba? Meekaappii kee Qeensa artifishaalii kee, ispoonjii qaamakee keessa guuttee dhufte, Wiigii mataatti hidhatte warra sitti hidhe achuma keessa teessee gaafa galateeffattu sin dabbaruu? Kun Odaa Award ykn Leza Award miti. Guyyaa yaadannoi Haceeti. Hacee dhabnee wal geenye malee, Haceeb nu waamee deemne miti.

Maal kun jarana...?

Anaafi isin caalaa Ijoollee yunivarsitii gara garaa jirantu sirnaan Hacee yaadate. Ijoollee biyya hambaa jirtutu guyyaa yaadannoo Hacee sirnaan kabaje. Isaantu nu caalaa Hacee yaadata. Anaafi isin caalaa Ijoollee kaleesssa Yunivarsitii Finfinnee fi bakka gara garaatti sababa T-shirt suuraa Hacaaluu ofirraa qabu Uffataniif qofa hidhamanii hidhaa oolantu Hacee yaadate. Wanti akka kanaa gara fuulduraatti hin sirraa'u taanaan rakkoodha.

Xumureera!

Nagaa ta'aa!

Want your restaurant to be the top-listed Restaurant in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Oromiyaa
Adama