Dawit
Karaa nagaa deemnee furmaata haa barbaannu.
30/06/2025
Egypt started another hopeless propaganda About the Ethiopian Grand Nile Dom.
Ameerikaa Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Art keessatti afaan Oromoo baratamuu eegale.
Jaarraa dheeraaf dhiibbaa bulchiinsa Itoophiyaa jalaa bahee kan hin beekne Afaan Oromoo, hanga har'aatti qe'ee isaa Oromiyaatti qoollifatamus Ameerikaa keessatti afaan barnootaa ta'uu isaa dhagaa'ame
Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti har'a Amajjii 23, 2025 barsiifamuu jalqabuu gabaasni arganne ifoomse
Akka maddi odeeffannoo keenya OMN gabaasetti, bakka eerame kanatti Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qaxaramuu himani jiru.
Kolleejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira.
Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.
Afaanichi Yuunivarsiitiiwwan addunyaa hedduu keessatti akka barsiifamuuf dhiibbaan bal'aan yeroo garagaraatti taasifamaa turuu kan yaadachiisan obbo Baqqalaa Garbaa, har'a milkaayee barattoota gosa barnootaa tokkoo Yuunivarsiiticha keessatti jalqabsiisuuf barbaachisan 25 yeroo jalqabaatiin argachuun barnoonni kennamuu jalqabee jedhan.
Dhimma kana ilaalchisuun miidiyaaleen habashaa akka naasuutti wal harkaa fuudhanii gabaasaa jiran. Kun hawwaasa Oromoo addunyaarra jiraatuuf milkaa'ina ta'uu eerameera. OMN wabeeffanne!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Addis Ababa