AASTU FOCUS
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from AASTU FOCUS, Religious organisation, Addis Ababa Science and Technology University, Addis Ababa.
19/05/2026
Day4 :- CHRIST
“Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u.” 📖✨
— Yoh. 15:13
Mee yaadi… 🤔
Namni tokko jireenya isaa namaaf kennuu caalaa jaalalli caaluu hin jiru. Sababni isaa namni jireenya isaa caalaa waan qabu hin qabu. Egaa Waaqayyoo waan hundumaa qaba waanta qabu keessa isa angaafa ta'e ilmasaa Yesuus Kristosiin nuuf kenne.
Kristos kennaa Waaqayyoo isa jalqabaa fi isa dhumaa dha.
Isa duraas, isa boodas, nama fuula Waaqayyoo dura dhaabuudhaf danda'u hin jiru; hin argamus.
Kristos sif jedhee ulfina isaa dhiise.
Kristos sif jedhee reebame, tuffatame, salphifame.
Kristos sif jedhee fannifame; sif jedhee du'e.
Kan qulqulluu ta'e qullaa baafamee salphate; ati mootummaa keessa akka deebituuf mootummaa isaa dhiise.
Waaqayyo jaalala siif qabu irraa kan ka'e, nama mudaa hin qabne itti faradchise. Qulqulluun cubbuu hin qabne bakka cubbamootaa dhaabbate.
Mee ilaali…
Waaqayyo ofii isaa nama ta'ee gara kee dhufe. 🙏
Uumaan uumama siif salphate.
Mootiin waaqaf lafaa mootummaa isaa irraa gad bu'ee gara isaatti si fiduuf dhufee dhiphate.
“Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'u isaa amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba.” — 2 Qor. 5:14 📜
Akkamitti ree jaalalli Waaqayyoo siif qabu shakkiin ilaalama?
Kana caalaa jaalala akkamii eegda?
Yesuus sif jedhee waan hin taane hin qabu.
Jaalalli isaa dubbii qofaan miti. 🗣️
Kristos
Kristos
Kristos
Kristos
18/05/2026
DAY3:-
JAALALA WAAQAYYOO RAAWWATAME
Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha.
Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.
1Xim-2:4-5
➡️Fayyinni namaa yaada yeroo gabaabaa miti; inni fedha Waaqayyoo keessatti duraan murteeffamee kan qophaa’e dha.
💰Waaqayyo namni hundinuu akka fayyu akkuma barbaadu, akkamitti akka fedha nama hundumaa fayyisuu barbaaduu isaa kana raawwachuu akka qabus waaqa beekudha.
➡️Waaqayyo guutummaa biyya lafaa jallachuu isaa irraan kan ka'e,wal caalcisuu tokko malee ilmasaa dabarsee akka nuuf kenne macaafni qulqullun keenya dhugaa nuuf baha.
➡️Egaa Ilmi isaa inni dabarfamee nuuf kenname jechuun garuu maal jechuudha???
💰Kun hundumtuu egaa ilmi waaqayyoo nama tahuu waan isa barbaachisuuf foon akka keenya uffatee nama tahees lafarratti nuyiin bakka buhuudhaaf dhufe. waaqayyos ilmasaa kanaaf dhagna abboomamu qopheesseefii yeroo barri inni mure gahettis ilma isaa isa nama tahee dhalatee seera jala akka galfamu godhe.
➡️ Kunis wanta seerri nurraa barbaadu waliin ilaallee turre hundumtuu akka nurraa kaffalamuuf ture
➡️Egaa yesuus yeroo kana waa'ee waaqayyoon hiikee nutti beeksisaa,lafarrattis cubbuu tokkollee utuu hin hojjetin hamaa hundumaa irraa fagaatee gaarii waaqayyo barbaadu hundumaas raawwachaa jaalala waaqayyoo abbaa fi feedha isaa fiixaan baasudhaf isa angaafaa ta'ee mulate.
➡️Inni karaa hundumaan nu fakkaatee bakka keenyas waan buheef, kaayyoon isaa fannoorratti cubbuu namootaaf du'uu yoo ta'e iyyuu dhalachuun isaa, jireenyi, abboomamuu fi qajeelumman isaa nuyiif akka lakkaa'amuuf ture.
➡️Egaa yesuus kristos fedha waaqayyo abbaa raawwachuudhaaf waaqarraa ulfina isaa dhiisee gara keenya dhufeera. Jaalalli waaqayyos nutti mul'ateera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the place of worship
Telephone
Website
Address
Addis Ababa Science And Technology University
Addis Ababa