Rammee Tube
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Rammee Tube, Gaming Video Creator, Addis Ababa.
30/04/2026
Iraan haleellaa 'US itti fufnaan tarkaanfii hadhaawaatu isii eeggata' jette
********
Waashingtan yoo haleellaatti deebite buufataalee US irratti ''haleellaa walirraa hin cinnee fi hadhaawaadhaan deebii kennuudhaan" karoora US Hulaa Hormuuz bansiisuus tumsa idil-addunyaa gaafattu ni fashalshina jette Iraan.
US fi Israa'el erga Iraan irratti haleellaa bananii ji'oota lama kan ta'e yoo ta'u, Hulaan Hormuz murteessaa ta'e ammallee cufaa jira. Taateen kun ammoo daddabarsa boba'aa addunyaa akkaan danqee hudhee jira.
Gatii boba'aa addunyaas akka malee qaalesseera. Daddaaqama diinagdee addunyaa akka hin hordofsiifne yaaddoo uumeera.
Carraaqqiin waraanaa kanatti furmaata gochuus milkii fiduu baatus, Ebla 08 kaasee dhukaasa dhaabuuf waliigalamee ture.
Iraan Hulaa Hormuz bantee turtus, sababa humni galaanaa US buufataalee Iraan uggurteef deebiftee cufteerti.
Tiraamp Kamisa har'aa karoora haleellaa haaraa banuurratti Pentaagoon irraa ibsi ni kennamaaf.
Haleellaan kun Iraan dhimma sagantaa niwukilara isiirratti mataa jabaachuu akka dhaabdu haleeluufi jedha gabaasni Axios.
Boba'aan jikitaa Brent dolaara 126 galeera. Kun Bitootessa 2022 as isa ol'aanaadha. Bara 2022 yeroo lola Yukireen dolaara 113 galee ture.
Haleellaa US gootu kamiifuu, xiqqaallee taanaan, "haleellaa walirraa hin cinnee fi hadhaawaadhaan" buufataalee isaaniirratti raawwachuun haaloo baana jedhe aangawaan Eegdota Warraaqsaa tokko.
"Waan buufataalee keessan muudate agarreerra, ammas waanuma wal fakkaatutu dooniiwwan waraanaa keessan muudata," jedhe Ajajaan Humna Eeroospeesii Komaandar Majiid Muusaavii haasawa miidiyaa Iraan irratti dubbateen. OFM
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa
1234