Oromo Tech Hub
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromo Tech Hub, Digital creator, Finfinnee 04 Kilo, Addis Ababa.
04/05/2026
dandeenya?
Bilbilli keenya Pattern dhaan cufamee yoo nu jalaa bade ykn banuu yoo dadhabne, furmaanni isaa bilbilicha Hard Reset gochuudha. Garuu bilbilichi yeroo banamu Google Account (FRP) isin gaafachuu danda’a.
(Pattern balleessuuf):-
~ Bilbilicha guutummaatti cufaa (off godhaa)
~ Qabduu Power (banaa/cufaa) fi qabduu Sagalee dabaluu (Volume Up) yeroo tokkotti wal-faana dhiibaa qabaa
~ Mallattoon (logo) bilbilichaa yeroo dhufu harka keessan irraa kaasaa; iskiriinii Recovery Mode ni dhufa
~ Qabduu sagalee hir’isuun gadi bu’uun “Wipe data/factory reset” filadhaa, sana booda qabduu Power tiin mirkaneessaa
~ Dhumarratti “Reboot system now” tuqaa.
* Bilbilichi yeroo banamu Pattern ni bada; garuu Google Account gaafachuu danda’a.
’ee FRP (Factory Reset Protection):-
FRP jechuun sirna nageenyaa bilbiloota Android keessatti argamu dha.
👉 Kaayyoon isaa: bilbila hatame ykn nama biraa irraa seeraan ala fayyadamuu ittisu
Kanaaf, erga reset gochuu booda:-
• Google Account (Gmail) duraan itti galfame gaafata
• Yoo hin galchine, bilbilli hin banamu
📌 Hubachiisa
• Hard Reset yeroo gootan ragaaleen keessan (suuraa, viidiyoo, maqaa, faayilii) ni haqamu
•Deebisanii argachuun rakkisaa ykn hin danda’amne ta’uu danda’a.
⚠️ Akeekkachiisa
• Google Account fi password keessan yeroo hunda yaadadhaa ykn bakka nagaa irratti kaa’aa
• Sirni FRP nageenyaaf waan ta’eef, sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa dha
Gabaabumatti:
👉 Pattern irraanfatame → Hard Reset furmaata
👉 Reset booda → Google Account barbaachisa
👉 Nageenyaaf → odeeffannoo keessan sirriitti eeggadhaa.
🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub
25/04/2026
Garaagarummaa (Meeshaa Galtee) fi (Meeshaa Ba’ii)
Garaagarummaan isaanii hojii isaan kompiyuutara ykn meeshaa dijitaalaa keessatti hojjetan irratti hundaa’a. Gabaabumatti:
👉 Tokkoon odeeffannoo gara keessaatti galcha
👉 Tokkoon immoo gara alaatti baasa.
1. Input Device (Meeshaa Galtee)
Hiika:- Meeshaalee haardiweerii kan daataa ykn ajaja gara kompiyuutaraatti galchanidha. Isaan kun fayyadamaa fi kompiyuutara gidduutti walqunnamtii uumu.
Hojii Isaa:- Daataa fudhatee gara bifa sirnichi hubatutti jijjiira.
Fakkeenya:
• Keyboard (Kiboodii)
• Mouse (Mawusii)
• Scanner
• Web Camera
• Microphone
Fakkeenya Qabatamaa:- Yeroo iskiriinii bilbilaa tuqxu (touchscreen) ykn sagalee galchitu, ajaja kee gara sirnichaatti galchaa jirta—kun Input dha.
2. Output Device (Meeshaa Ba’ii)
Hiika:- Meeshaalee odeeffannoo kompiyuutara keessaa fuudhanii gara bifa nuti arguu, dhaga’uu ykn dubbisuu dandeenyuun nuuf baasanidha.
Hojii Isaa:- Daataa hojjatame gara bifa namaaf hubatamutti jijjiira (fakkii, sagalee, barreeffama).
Fakkeenya:
• Monitor (Iskiriinii)
• Speaker
• Printer (Piriintarii)
• Projector
Fakkeenya Qabatamaa:
Suuraa iskiriinii irratti argitu ykn sagalee speaker irraa dhageessu—kun Output dha.
🔑 Cuunfaa (Ijoo Isaa):-
✔️ Input = Gara keessaatti galcha
✔️ Output = Gara alaatti baasa
⚠️ Hubachiisa:- Meeshaaleen tokko tokko Input fi Output lamaan ta’uu danda’u
👉 Fakkeenya: Touchscreen
👉 Akkasumas USB (Flash Drive) daataa galchuufis, baasuufis tajaajila
🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉Oromo Tech Hub
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Finfinnee 04 Kilo
Addis Ababa
1000