Keyr Distribution
The Prophet(S.A.W), said, “Whoever guides someone to goodness will have a reward like one who did it.
16/03/2024
Ajrii Tiriliyoona 2fi Biliyoona 265 fi Miliyoona 690 (2,265,690,000,000) argachuu ni barbaaddaa?
Qur'aanni Kabajamaan Qubeewwan/harfiiwwan Kuma 323 fi 670 of keessaa qaba.Kana osoo 30'f hirree (323 670 /30) =qubeewwan 10789 wal ga'a.Akkuma Hadiisa keessatti ibsametti namni harfii tokko qur'aana irraa dubbise ajirii kudhantu isaaf jira.Osoo Qur'aaana kana irraa juza tokko qofa (waraqaa kudhan )qaraate dhiistee Ajirii Kuma dhibbaa fi kuma torbaa fi dhibba saddeetii fi sagaltama (107,890)argata jechuudha.
Ruubii (¼) isaa yoo qaraate,ajrii kuma 809 fi dhibba 1 fi 75 (809,175) argatta.
Walakkaa (½) isaa/juza 15 yoo qaraate,ajirii Miliyoona 1 fi kuma 618 fi dhibba 3 fi shantama (1,618,350) argatta.
Yoo juza 30/guutuu isaa ykn fuula 600 qaraate ,ajirii Miliyoona 3 fi kuma 236 fi dhibba torba ( 3,236,700) argatta.
Tarii niyyaan kee yoo tole kun kuma dhibba torbaan siif baay'ifamuu danda'a.
Kana jechuun 3,236,700 ×700,000=2,265,690,000,000( ajrii Tiriliyoona 2fi Biliyoona 265 fi Miliyoona 690 )argatta jechuudha. Hubadhu kun yeroo tokko qofaani.Yeroo lama osoo ta'e hoo? Sadii hoo ? afur hoo? Baay'isii ilaali.
Warri qara'uu hin dandeenye yoo sagalee warabamee jiru dhaggeeffatan akka waan qaraatanitti isiniif qabama.Garuu qaraatanii baruufis yeroo dheeraa isinitti hin fudhatu waan ta'eef ammuma jalqaba.
07/04/2023
Beekaa Rabbi sin haa mararfatu, Sayyidinaa Muhammad ﷺ irrati Salawaata buusuun kabajaalee kudhan qaba.
🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏🍏
● إِحدَاهُنّ : صَلاَةُ المَلِكِ الجَـبّار
1. Faaruu mootii guddaa (ol ta'aa) irraa argachuu.
● والثَانِيةُ : شَفَاعِةِ النّـبِيّ المُخْتَار ﷺ
2. Jaarsummaa Nabiyyii filatamaa ﷺ irraa argata.
● والثَالِثَة : الاِقْتِدَاء بالمَلاَئِكةِ الأَبْرَار
3. Malaa'ikoota qulqulluu ta'an itti hidhaachuu argata.
● والرَابِعَة : مُخَالَفةُ المُنَافِقينِ والكُفّار
4. Warra Kaafiraa fi Munaafiqaa faallessuu argata.
● والخَامِسَة : مَحْوُ الخَطَايَا والأَوْزَار
5. Dogogoraafi yakka isaa ni dhiqama
● والسَادِسَة : قَضَاءُ الحَوَائِجِ والأَوْطَار
6. Haajaa fi dhimmi isaa ni baha.
● والسَابِعَة : تَنْوِيرُ الظَوَاهِر والأَسْرَار
7. Irraaf keessi isaa ni ifa.
● والثَامِنة : النَّجَاةُ من عَذابِ دَارِ البَوَارِ
8. Ganda badii fi adabbii irraa ni baraarama.
● والتَاسِعَة : دُخُولِ دَارِ الرَّاحَةِ والقَرَار
9. Ganda boqonnaa fi tasgabbii ni seena.
● والعَاشِرةُ : سَلاَمُ المَلِكِ الغَفًّار
10. Salaamtaa mootii Araaramaa fi Rahmata godhaa gonfata.
📓بستانُ الوَاعظين -١/٢٨٧ .
🔖 Kanaafuu Rasuula ﷺ irratti salawaata buusuu baay'isaa!!
07/04/2023
👉Ganama har'aa kana;
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Wanti karoorfatte fiixa haa bahu
👉Kan ati yaadde siif haa tahu
👉Rakkoof rakkisaan jiruu tee keessaa haa bahu
👉Milkii malee cinqiin woli hin argin
👉Wanti amba dhibde sin dhibin
👉Miilli kaayyoo kee daandii milkaa'inaa irraa hin dabin
👉Khaaliqaaf khalqii biratti mi'aawi
Ardiif samittis urgaawi
•Ani kana jedhee....
Kan Aamiin jedhe share godhes Rabbiin dachaan isa haa milkeessu 🤲🤲🤲
05/04/2023
=>𝐖𝐀𝐀 𝐀𝐅𝐔𝐑 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐈!
𝐒𝐚𝐛𝐚𝐛𝐚 𝐢𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮 𝐬𝐢𝐢𝐟 𝐭𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢.
Namni tokko gaaf-tokko Hasanul Basri (Rahmatullaah aleeyhi) "maalumatu akkanatti Iimaana siif kenne?" jedhee gaafate.
👉innis Akkana jedhe:An waan afur beekee jira kanatu Iimaana naaf kenne Jedheen.
❶. Rizqii tiyya Rabbiin eenyuufuufille naduraa dabarsee nama biraatif hin kennu. Tanaafu Rizqiif bololuu dhiiseetin hariiroo tiyyaa fi ta rabbii bareeffachuu filadhe, qalbiiniis dhugoomse dhugoomse.
❷. Yoon ofii dalagadhe malee namni tokkolleen Kan ibaadaa naaf dalagu hin jiru jechuun beeke, qalbii tiyyaanis dhugoomsee carraaqqachuutti seene.
❸. Waaniin an dalagu hunda Rabbiin na arkutti jira jechuu beekeetiin Haaraam irrattis Rabbiin na arka ja.e qaanfadhee dilii irraa fagaadhe.
❹. Duuti natti dhufaa jirti jechuu beekeetiin haala gaariirratti akkaan Rabbiin Wal arkuuf qophoo'uutti seene.
Hadiisa Abdallaah ibn Umar odeyseen "ergamaan Rabbiiﷺ hoggaa fure 'zahaba-zzama'u, wabtallatil-uruuqu, wasabatal-Ajru inshaa Allaah' ja'a" ja'a. [Sahiihul-Jaami' : 4678]
Hiikkaan: dheebuun kutte, hiddi jiidhe, Yoo Rabbiin fedhe Ajrilleen sabatte.
- Furaa irratti kadhaa tana jechuun Sunnaa dha. Guyyaa nyaataafi dhugaatirraa, akkasuma waan fokkottuu heddurraa fagaannee dadhabbiin nutti dhagahamtu abadan hin baddu. Rabbiin mindaa gaarii boru itti gammaduuf jiraannu nuuf galmeessa. Kana qalbitti abdachaa, afaanin kadhaa tana jenna.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the place of worship
Website
Address
AA
Addis Ababa
RD37