Chemist

Chemist

Share

Am not want to live substandard living 👌

09/05/2023

Bari'uuf jedhu,... 🤔

Yoo bari'uuf jedhu, dukkanni hin dheerataa
Firri sibaqateetu, malli sirkaa badaa
Wanti hundi walxaxeetu,lafti sihanqataa *2

Yoo bari'uuf jedhu, halkan silaa halkanii,
Guyyaanuu dukkanaa,
Haadhoo garaa tokkootu, sirratti gungumaa
Argaakee lagataa, akka warra gumaa
Yemmuu waliin jirtan, waliin jettu tiruu
Yoo wal-biraa deemtan, isa kan siciruu
Yeroo kophaa kankee, dukkanaan marfamtuu
Siif jira kan jedhu, yoo of-biraa dhabdu
Dukkanni limixii, ijji lafa hin narguu
Jetteetu of-gaafattaam, wayyoo eessa dhaquu?(×2)

Yoo bari'uuf jedhu, bu'aan dafqa qofaa
Hojiinkee habshaala, jireenyikee doofaa
Hiriyaa garaatu, sobee sitti kolfaa
Ati namaaf gugee, namni sitti bofaa
Siwaliin nyaatetu, deebi'ee sibalfaa
Madaakee tuxuqeetu, quba sitti horfaa (×2)

Yoo bari'uuf jedhu, haadhoo garaa tokkotu ulaa sitti cufaa
Fuula sitti guuree, bitaa sitti dhufaa
Argaakee jibbeetu, jireenyakee balfaa
Sixireeffateetu, of-keessaa situfaa
Yommus abdii hin kutin, itti caali cufaa Wabikee godhadhu,humaa waaqaf lafaa ×2

Yoo bari'uuf jedhu, dhugaa keettu dharaa
Namni siree hafteef,eeboo sitti qaraa
Kan sabbata hiitef,bofa sitti maraa
Addunyaa beektutu, bitaa sitti galaa
Hirqiffattee boossaa, dhabdee nama garaa
Aduun siif hinluxxuu, lixxu siinbariituu,
Dhagayii callisi, yoo siinjedhan raatuu
Ciniinnadhuu obsi abshiir homaa taatuu *2

Yoo bari'uuf jedhu, Obsikee dhumateet, yaaddoon sigolgitii
Jireenyikee sum'ii, daandinkee qoraattii
Dirreen bool'a taateet, gadi namaan lixxii ×2

Yoo bari'uuf jedhu, qulqulluu boora'aa
Guyyaatu nama ganaa, carraatu rarra'aa
Gammachuutu badaa, gaddatu heeddummataa
Nama foon nyaachiftetu, foonkee muree nyaataa (×2)

Yoo bari'uuf jedhu, obsa keettu dhumaa
Ormaaf fira hin qabuum, diinnikee hundumaa
Yommus abdii kuteet, qofa galaa taataa
Dhala namaa dhiiftet mukkeen firoomfattaa
Aduu waakkii hin qabne, baatee qamqaammattaa
Hammina dhiiftetu, gaarummaa lallabdaa
Karaarraa hin gorin kan qotte haammatta ×2

🙏

Want your university to be the top-listed University in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Oromia Region
Addis Ababa