Game Changer
Gorsa fayyaa, Qoosaafi bashannana
05/11/2023
Mata dureen sirba "BAALA-ግዜ" jedhuu fi sirboonni biroo maaliif afaan biraan moggaafaman?
Baala Gizee, Minew, Bassoo Ballaa, Sebbar Zeenaa fi ...kkf jechoota afaan Oromoon miti kan moggaafaman. Wanti kun sirriidhaa?
Namoonni hedduun, mata duree sirboota armaan olii yeroo qeeqan argina. Kunis immoo yaaddoo qulqullina Afaan Oromoof qaban irraa madda natti fakkaata. Ta'ullee garuu, jarri mata duree sirboota kanaa qeeqan dogoggoraniiru. Seera walaloo keessatti, namni walaloo barreessu tokko mirga isaaf kenname qaba. Kunis, mirga waloo ykn 'poetic license' jedhamee beekama. Gama biraan immoo 'Artistic freedom' illee ni jedhama. Kana jechuun, walaleessaan ykn waloon tokko mirga afaan barbaadeen walaloo barreeasuu, caas-luga afaanii diiguu fi seer-luga afaanii cabsuun akkaataa walaloon isaa isaaf mijatutti barreessuuf mirga guutuu kennameefiidha. Kanaafuu, weellistoonni mata duree sirba isaanii afaan fedhee fi jechoota isaanitti toleen moggaafachuu danda'u. Kana kanumaanan bira tara.
Mee amma dhimma ijoo ergaa sirba "BAALA-GIZEE" jedhu kana bifa gabaabaan haa ilaallu. Walaloon seensa muuziqaa kanarratti fayyadamame;
"Daddafi dafoo, dafi yaa dafoo (2)
Jabaan booree, booressa booraani
Nama gadi ta'ee namatti roorrisa garaani
Biyyi abbaadhaan tola, warra abbaa biyyaati nuti
Bakka keenyatu bakkana, kan gizeen nufide miti!" jedha!
Sirbi kun asitti ergaa guddaa dabarseera. Erga bara 2020 as habashoonni Oromoodhaan "ባለ ግዜ/Abbaa Yeroo" jedhanii waamu. Kana jechuun, dur bara hin qabdan ture. Barri kan keessani, baratu isin fide akka jechuuti. Weellisaa Yoosan garuu, "Nuti warra Baalagizee miti. Bakkuma keenyatu asi. Baratu nu fide miti. Nuti gurraacha Kuush warra Walaabuuti malee, warra as godaane miti. Bakkuma keenyatu asi" jedhee morma. Dhugaa jirtu itti hima.
Eeyyeen; bara bayyanatteen keenya tokko tokko salbaajii geeddarattee, wuskii facaasaa "Nuti baalagizeedha; maal fiddu?" jettu keessa, ilmi Oromoo immoo "Lakki nuti yeroon nun fidne; bakkuma keenyatu asi " jedhee mormu argine. Kun ergaa guddoodha! Itti fufuun immoo;
Baalagizee jettee na waamti jarri
Dhugumaaree kan jettu jarri?
Nan jibbaaree, nan sarmaaree yoo tole barri?
Asittimmoo "Osuma barriyyuu yeroo gaarii naaf fidee, nan didaa? Nan sarmaaree?" jedhee ejjeennoo isaa itti hima. "Dabarees taanaan, isin waggaa 150 ol Oromoo hiraarsitaniittu. Yoo barri tole, anis bara kootti nan fayyadama" jedhee abdii kutachiisa.
Sirba kana keessatti, namni kamuu qalbiin akka hubatun barbaada. Vedio'n sirba kanaa lafa baadiyyaa fi magaalaa hammateera. Magaalaa keessa mana bareedaa bifti isaa adii, konkolaataa bareedaa gatiin qaalii fi namoota uffata adii uffatanii sirbantu mul'ata.
Baadiyyaa keessammoo, namoota dafqanii bishaan raasanii waraabbatantu mul'ata. Namoota sangaan qotantu mul'ata. Namoota qola bunaa akaa'antu mul'ata. Dubartii mataa lafa keessee gadditu wayiitu mul'ata.
Ergaawwan kun raajiidha. Yeroo "Baalagizee" jedhamne kana keessatti, magaalaa keessatti gareen quufee basha'u yoo mul'atu, baadiyyaa keessatti garuu, uummata gadadoo keessa lixee qola bunaa danfifatu mul'ata. Kun haala qabatamaa uummatni keenya keessa jiru mul'ise. Magaalaadhaan Oromoo hin madaaliinaa; baadiyyaan har'ayyuu rakkootti jira akka jechuuti. Bara "Baalagizee" jedhamne keessatti wanti mmaswalxaxaan akka jiru mul'isa. Itti fufuun;
"Keenya wal ta'uu dide, didaa wal conqolaasa
Jarri walta'ee nu fonqolchuuf nutti ija babaasa" ... jedhee walaleessa.
Yeroo baalagizee jedhamne keessatti, Oromoon har'ayyuu waldhibdee keessaa akka jiru sangoota wal lolaa jirtuun mul'ise. Jaalala diinota Oromoo immoo harroota wal dhungattuun mul'ise. Asitti "Yaa cimina Daarektaraa" nama jechisiisa. Itti fufuun;
"Beenu baadiyyaa, seeni tokkicha
Mil'adhu jiruu, ilma Oromtichaa
Akkuma kalee, dhiiba lafasaa
Maaliif hin-jirreen, coomsa gurrasaa" .... jedhee ergaa hima.
Asitti ergaa guddootu darbe. Oromiyaan har'ayyuu rakkoo keessa jirti. Sangaan qotuu keessaa hin baane. Wanti addatti ta'eef hin jiru. Inumaa qola bunaa dhugaa jirti. Ni salphatteyyuu! "Maalsaa baalagizee jetturee?" waan jedhu fakkaata. Ammas itti fufee, ergaa wayii dhaama.
"Walgalaafattee, geeba hin fudhattu
Maaliif tokkummaan, diina hin qolattu?
Gaaddisa biyyaa, Oromtichakoo
Cimsi tokkummaa, falmadhu rakkoo!" ...jedhee fala dhumaa kaa'a.
Oromoo wal cabsee bu'aa akka hin buufanne jala muree hima. Paartileen Oromoo wal ta'uun, diina Oromoorraa akka qolatan dhaama. Falli dhumaa, araara, nagaa fi tokkummaa akka ta'e dubbata.
Walumaa galatti, sirbi "Baalagizee" jedhu kun haala yeroo kan ibsuu fi falas kan kaa'eedha.
Yoosan weellisaa miti. Hayyuudha! Jaarsa araaraati. Lencho Fikru ilma sabaaf dhalate. Ogeessa maqaan "Ogeessa" jedhu hin ibsineedha.
Galatoomaa jennaan!
Via Kaanenus kaasaa Baayisaa.
Tokkummaan Humna
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa