Segni Tufa

Segni Tufa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Segni Tufa, Event, Bole, Addis Ababa.

23/06/2024

ABBICHUU
*************
Abbaan Abbichuu, ilmii isaa baratee sadarkaa guddaa akka gahu barbaada. Akka isaa qonnaan bulaa ta’ee, sangaa leenjisaa, lafa qotaa haa jiraatuu hin hawwuuf ture. Ilmi isaa Abbichuun baratee iddoo guddaa haa gahuu hawwii qabu irraa ka’ee, Finfinnee geesseenii akka barnoota hammayyaa jalqabu godhe.

Abbichuunis barnoota isaa cimee hordofuun barachuu itti fuufe. Kanaanis, carraa barnoota ol’aanoo argatee, bara itti aanee jiru, gara Faransaay deemuuf qophii irra ture. Barris bara 1935 ALA (1928 ALI) ture. Abbichuunis reef mucaa umrii woggaa kudha jahaa ta’a.

****
Baruma kana (1935/1928) Xaaliyaaniin Benitoo Mosolooniin hogganamtu, Itoophiyaa weeerartee koloneeffachuuf dhaadannoo fi qophii guddaa irra turte. Haloo woggaa afurtama dura Adawaa irratti mohataman bahuuf, Xaaliyaanonni, dhaadannoo fi agarsiisaa woraanaa garagara muldhisuu bira darbanii, loltoota isaanii laakkofsaan heddu ta’anii fi meeshaa woraanaa yeroo sanitti hammayyaa ta’e balbala galaanaa Mitsiwaatiin gara kolaanii isaanii Eertiraatti yeroo geejjibsiisaa turaniidha.

Itoophiyaa yeroo san kan bulchaa ture, Mootichi Haayilasillaaseen (Jaanoy) gara Liigii Mootummootaa (League of Nations) deemuun Xaaliyaaniin akka irraa dhoorkan worwaachaa fi iyyataa ture. Garuu Liigiin Mootummootaas abdii sirraa dhoorkina jedhu waan hin kennineefiif, dalgumaan biyyi woraana kana akka ofi irraa qolachuuf yaaltu socho’aa turan.

Namni yeroo san Salaaleen bulchu Dajjazmaach Aberra jedhama. Ilma Raas Kaasaa Haileeti. Raas Kaasaan kun ammoo yeroo sanitti mootichatti aanee nama dhageettii fi angoo guddaa qabuudha. Bulchaa Bejamidir (Gondar) fi Lasta ture. Aanga’oota gurguddoo (Raasota) Itoophiyaa sadi kan weerara Xaaliyaan kana ittisuuf ummataa fi loltoota duulchisan keessaa Raas Kaasaa Haile kun nama tokko. Jaanoyis Raas Kaasaadhaaf gorsitu woraanaa kan ta’an faranjii lammii Czechoslovakia Adolf Parlesak jedhamuu fi hiriyyaa isaa Colonel Konavanov jedhamu akka gargaaraniin ergaafi

17/04/2024

Am back

Want your business to be the top-listed Event/venue in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Bole
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00