Media Sagalee Qabsoo
π ππππ π¦ππππππ π€πππ¦π’π’ is the independent voice of media for news, Entertainments, cultures, Travel, Musics, Educations, Events and all Life of our peoples.
17/02/2026
Hanga yoomiitti jiruufii jieenya keenya dhabnee gadda himachaa jiraanna.
Ergaa Hatattamaa.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Araddaa Koraa, Daawwee, Daarimuu, faatti guyyaa har'aa lola jabaa Liyyuu Hayliin Soomaalii bifa haareyaan ummata keenyarratti bantee jirti.
Hanga sa'aa kanaatti waraana gaggeeffamaa jiruun Lubbuun nama tokko dabartee jirti kan waregame maqaan isaa
1. Firoomsaa Naasir Mohammed jedhama.
Kan madaawe immoo
2. Yaasiin Jamaal Husseen
Qabeenyi saamamees akkasumatti
Horii 160 yaafatanii jiru.
Kan wareegame ni Awaalanna!!
Kan madaawe ni wallaannanna!!
Qabsaawaan kufus Qabsoon itti fufa!!
Cinaaksan Cinaacha Oromoof Oromiyaati!!
Hadaraa Akka ummanni keenya ofin daganne share godhaa wal biraan geessisaa.
Ayyaantuu Ahmed
09/02/2026
Godina Harargee Lixaatti qaamni hin beekkamne bulchitoota aanoota lamaa konkolaataa daayinaatiin halkan Saftii uleen cafaqaa fuudhanii deemaniin jedhamaa jira.
Qondaalonni kunis
Hassan Mahammad, Bulchaa Aanaa Odaa Bultum
Sufiyan Ahmad, Bulchaa Aanaa Habroo.
Hanga ammaa achi buuteen isaanii hin beekamne.
07/02/2026
Oduu Aanaa Cinaaksan irraa
Bulchaan haareyni Aanaa Cinaaksan obbo Abdunaasir Shek Mohammad kan jedhamu muudame jira jachuu wayta dhageenyutti hubannoo ummata Oromoof ibsuu barbaanne keessaa, Abdunaasir jechuun nama, kanaan dura hoggantoota naannoo Somaalii waliin taβuun ummata Oromoo Cinaaksan irratti hojii basaasummaatin bobbahee, reebichaafi dararaa hammaataa ummata cinaaksan irraan gahaa tureedha. Akkasumas ummata βShanee dhaβ jechuun yakkaa sobaa itti maxxansuun rakkoo nageenyaa uumaa ture.
Namni kun deeggarsa nageenyaaf ergame fayyadamuun, networkii hannaa godinaa hanga aanaatti diriirsuun qabeenya ummataa fi mootummaa saamuu keessatti hirmaataa ture jedhamee beekama.
Haala kanaan namni akkasii guyyaa harβaa muudamuun isaa waan baayβee nama ajaaβibsiisuudha. Kanaaf, muudamni kun Aanaa Cinaaksanitti nageenya akka fiduf osoo hin taane rakkoo haarayatti akka babbal'isuuf tahuu akeeka.
Ummanni Oromoo hundi haala kana beekuun akka hubattan isin beeksifna.
Rakkoo Aanaa Cinaaksanitti uumamaa jiruuf Raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuun himame.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa