Furqan Association

Furqan Association

Share

Non profit organizations

Photos from Furqan Association's post 21/02/2026

Waldaan Furqaan (Furqan Association) pirojektii maxxansa Qur’aana Qulqulluu ifoomseera.

Sagantaa kana ilaalchisee qophii ibsa miidiyaa kennuun, kaayyoo pirojeektichaa, haala raawwii isaa fi faayidaa inni hawaasaaf qabu bal’inaan ibsameera.

Qur’aanni qulqulluun akka namoota hunda bira gahuufi tajaajilli amantii cimuuf tarkaanfii guddaa dha.

Photos from Furqan Association's post 07/03/2025

Waldaa Furqaan Tajaajila Qur’aanaa
ፉርቃን የቁርዓን አግልግሎት እስላማዊ ማህበር
جمعية الفرقان لخدمة القرآن
Furqan Association

“Waldaa Furqaan Tajaajila Qur’aanaa” hundeeffamee yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa kan argamsiise yommuu tahu; biyya keessatti kaayyoowwan gurguddaa 10n irratti hojjata.

A. Kaayyoo Gurguddoo Waldaa Furqaan

1. Hawaasa muslimaa; jecha rabbii kan ta’e, Qur’aanaan walitti hidhuu.
2. Qur’aanaaf iddoo isaaf malu kennuu; kunuunsuu; barachuu fi barsiisuu, akkasumas maxxansiisuu fi raabsuu.
3. Iddoo Qur’aanni itti haffazamu ijaaruu.
4. Masjiidotaa fi manneen barnoota amantaa Islaamaa ijaaruu.
5. Bishaan boollaa qotanii baasuun, tajaajila ummataaf akka kennu gochuu.
6. Daa’imman abbaaf haadhaa hin qabnee fi namoota harka qalleeyyii ta’an gargaaruu.
7. Namoota qaaman miidhamtoota ta’anii fi namoota rakkoo dhibee ootizimii qaban gargaaruu.
8. Ji’a ramadaanaa sagantaa ifxaaraa qopheessuu fi ayyaana arafaatti qalma qaluun hawaasa muslimaatif dhiyeessuu.
9. Sagantaa wal-dorgommii Qur’aanaa qopheessuu.
10. Barattoota firii barnootaa olaanaa galmeessaniif; carraa barnoota biyyaa alaa tolaan akka argatan taasisuu.

B. Mul’ata Waldaa Furqaan

- Itoophiyaa keessatti waldaa tola ooltummaa dursee hawaasa bira dhaqqabu tahuun, jijjiirama guddaaf kan dammaysu tahuudha.

C. Ergama Waldaa Furqaan

- Waldaa tola ooltummaa qaroomina ammayyaa, teeknoolojiifi qaamota barnoota amantaafi idileen gahumsa qaban wajjiin tahuun; danqaalee hawaasa harka qalleeyyiif utubaa tahuun akka jijjiiraman tumsee akkasuma kakaasuudha.

D. Duudhaalee Waldaa Furqaan

1. Amanamummaa
2. Haqummaan hojjata
3. Iftoominaan hojjata
4. Waan hojjateef itti gaafatamummaa qaba
5. Jijjiirama hawaasaaf kaka’umsa qaba
6. Hawaasa/ummatasaa giddugala godhata
7. Wal-gargaaruun aadeffatee hojjata

Waldaa Furqaan Toora kanneeniin hordofaa!
👇👇👇
http://www.furqan.qsa.org/

https://t.me/FurqanAssociation

https://www.facebook.com/FurqanAssociation

https://youtube.com/

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Ayertena
Addis Ababa