Tar co
Waanummaa Uumaamaniifituu Namaaf Laafata Tarco.com
12/04/2026
DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.
Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?
1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.
2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.
3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.
4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
Dandeettii wolqunnamtii saalaa jabeessuuf
``````````````````````````````````
Mukkeen Qorichaa kawlanjaan,fi Qurunfulii aannan woliin fayyadamuu qofaan dandeettii qaama saalaa dabaluun nidanda'ama.
Akkaataan itti qopheeffatan :
Daakuu qurunfulii faldhaan xiqqaa tokkoofii daakuu kawlanjaan faldhaana xiqqaa tokko annan burcuqoo lamaa woliin danfisuun gizee inni danfe ibidda jalaa dhaamsi qodaa sana qadaadii bulchi ganama axxaarrayi ykn qeensi.
Ganama osoo waan nyaanne burcuqoo tokkoofii galgala burcuqqoo tokko dhuguun nidanda'ama yoo feetan damma itti dabaluun mi'eeffachuu dandeessa.
Bifa kanaan hanga baatii 1tti fayyadamnaan faayidaa isaa 100% qabatamaadhaan agarta.
Dawaa kana kan argattan
Mana Qoricha Aadaa Bilaal irraati.
Teessoon magaalaa jimmaa sentiraaliitti argamna.
lakk:0917343584
26/02/2026
Morocotti Imaamni Masjiida Umar Ibnul khaxxaab osoo khuxbaa godhaa jiruu lubbuun isaa dabartee jirti.
Imaamtichi kun Khuxbaa isaa dhimma waa'ee Aakhiraa fi du'a yaadachuu irratti osoo gorsaa jiruu akka waan du'a isaa kana beekee yaamichi isaaf godhameetti jijjiirama tokko malee sakaraataa fi mallattoo du'aa tokko osoo isarraa hin mullatin Khuxbaa osoo qara'aa jiruu jiddutti Shahaadaa qabate. Osoon turin Achumaan akka nama hirriibni qabatee laaffatee kan ciisee yoo tahu Ummanni “Tarii Sheekhni nirafe moo maal tahe?!” jachuun ajaa'ibanii gaafa dhaqanii laalan lubbuun isaa baatee jirti. Subhaanallaah.
Kheeyrii irratti umrii dheertuu nuuf kennee xumura keenya nuuf haa bareechu!
22/02/2026
Milliyeenarri Biriiteen beekamaa ta'e Daannii Laamboo, kan jireenya qananii fi konkolaattota gatii guddaa qabaniin addunyaa irratti beekamu, gara amantii Islaamaatti makamuu isaa bara 2024 ifoomsee ture! Daannii 'n yeroo dhimma daldalaatiif Sa'uudii ture, hojii isaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun dargaggoo Muslimaa Baasix jedhamu faana wal arge. Taatee kanaan ilaalcha inni jireenyaaf qabu guutummaatti kan jijjiirame yoo ta'u, amantii Islaamaa fudhachuun battalumatti gara Makkaatti imalee Ka’abaa duratti sirna Umraa raawwachuun jireenya isaa keessatti boqonnaa haaraa fi nagaa waaraa qabu banachuu isaa labse.
Masha Allah!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa